Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giifti dureen duraanii Honduraas maallaqa ummataan faaya bitatte
Manni murtii Honduraas Giifti Duree duraanii Honduraas irratti hidhaa waggaa 58 murteesse.
Rosa Elena Bonilla, ganna 52, waggooti afran abbaa warraan ishii Porfiriyo Lobo pireezdaanti turetti, maallaqa ummataa fi gargaarsa idil addunyaa irraa dolaara 779,000 ta'u qisaassessuun yakkamtuu taate argamteetti.
Maallaqa kanas faaya bareedina ittiin bitaachuuf, tajaajila fayyaafi kaffalti baruumsa ijoollee isheef fayyadamte jechuun abbootiin alangaa ni ibsu.
Isheen yakkaa irraa bilisa kan jedhan abukaatoon Bonilla, iyyaanno akka gashanis dubbatu.
Bonillaan to'annoo jala kan oolte Guraandhala 2018, erga maallaqaa uummata badee irratti qorannnoon eegalameeti. Maallaqaa badan keessa tokko ijoolle harka qalleeyyii Honduraaf kophee bituuf kan ramadame ture
Gargaartuu Bonilla, kan ture Sawul Eskobaaris waliin dhahuun himatamee hidhaan waggaa 48 irratti murtaa'eera.
Murtee isheef Bonillanis ta'e abbaan warraa ishee mana murtiitti hin argamne.
Maatiin kun yemmuu yakkaan himataman kan jalqabaa miti. Ilmi hangafaa Porfiriyo Lobo, Faabiyoo jedhamu qoricha sammuu hadoochuu 'Kookeenii' Ameerikaa irra biyyatti galchuuf mari'achuu isaa amanee, bara 2017tti hidhaan waggaa 24 irratti murtaa'eera.