Yuunitid Arab Emireet lammilee Itoophiyaa kuma 30'f eeyyama hojii kennite

Madda suuraa, Getty Images
Yuunitid Arab Emireet lammilee Itoophiyaa kuma 30 karaa seeran alaa biyyatti seenaniif eeyyama hojii kennite.
A.L.I Amajjii 30 bara 2011 biyyoonni lamaan waliigaltee bobbii hojii waliif mallatteessaanii turan.
Waliigaltichaan Ityoophiyaan hojjettoota manaa fi hojjettoota ogummaa addaddaatin ga'oomsudhaan akka erguu dandeessu eeyyamuutu ibsame.
Hoggantoonni biyyattiis yeroo jalqabaatif bakkeewwan leenjii hojjettoota Ityoophiyaa daawwachuuf Itoophiyaa dhufan.
Koolleejjota yaalaa, wiirtulee leenjii eeyyama konkolaataa, leenjii hoteelaa fi tuuriizimii ni daawwatu.
Ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayee waliigalticha hojiirra oolchuuf hojjechaa jirraa jedhan.
Waliigaltichaan duras lammiilee karaa seera qabeessa hin taanen Emmireetota Arabaa Gamtooman seenan kuma 30'f eeyyama hojii kenniteetti jedhan.
Ejensiiwwan seeraan ala Emmireetota Arabaa Gamtoomanii keessa turan 130 keessaa 94 irratti tarkaanfiin fudhatamuun 36'f eeyyamni kennameera.
Eejansiiwwan Ityoophiyaa keessa jiran 549 yoo ta'an waldaalee 3 ijaaramuun to'annoon cimeera.
Biyyoota kamitti imaluu danda'ama
Mootummaan Itoophiyaa biyyoota hojjettoota qacaran waliin waliigaltee mallatteesseera. Ammatti biyyoonni kunnin Jordaan, Qataar fi Saawudii Arabiyaa qofa akka tahan Daarektarri Bobba'insa Hojii biyya Alaa Biraanuu Abarraa himan.
Yeroo dhiyoottis ''Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) waliin waliigaltee xumurree gara hojiitti galuuf jirra,'' kan jedhan daarektarichi ammaaf garuu biyyoota eeraman sadan kana qofaatti hojiif deemama jedhan.
Ejensiiwwanis lammiilee biyyattii gara biyyoota eeraman kanaatti qofa erguu danda'u jedhan.
Ejensiiwwan seera qabeessa akkamitti adda baafanna?
Dhaabbileen lammileen gara biyyoota alaa hojiif imalan kan mijeessan (ejensiiwwan), kan namoota biyya alaatti ergan kanneen waajirichatti galmaa'an qofa.
Isaan kunninis marsariitii dhaabbatichaarra ni argamu. Asii cuqaastanii argachuu dandeessu.













