Dubartootni lama taatota kaffaltii ol-aanoo argatan kudhan keessa galaniiru

Tarreen taatotaa kanfaltii olaanaa argatan kan bara kanaa keessatti, dubartootaan lammii Ameeriikaa kan taate Isikaarlet Joonsan sadarkaa olaanaa qabattee jirti.Taatoon umurii 34 kuni galiinshee doolaara miliyoona 56'n taatoo dhiiraa Adaam Saandlar itti aanuun sadarkaa torbaffaarra ishee kaa'a.

Joonsan galiishee kan bara 2018 wal biratti yoo ilaalamu, kan baranaa dolaara miliyona 15.5 caalmaa agarsiifte.

Taatoon filmii 'Modern family' Sofiyaa Vergaaraa ammoo dubartii tarree waliigalaa 10 keessa cabsuun galuu dandeesse. Walumaagalatti, bara kana taatoonni 10 hundisaanii dolaara miliyona 20 ol argataniiru.

Bara darbe garuu taatoota lama; Joonsan fi Anjeelinaa Jolii qofatu kana galmeessuu danda'e.

Joonsan bara dhufuuttis gahee 'the Avengers spin-off Black Window' keessatti baatuun maqaashee deebiiftee kaasuuf kaayyeeffattee jirti.

Haaluma walfakkaatunis, Jooliin kan bara 2018tti dolaara mil. 28 galmeessitee turte sadarkaa tokko hanga 10 jiran ala taatee jirti.

Isheenis filmiiwwan lama; 'Maleficent: Mistreee of Evil' fi 'The One and Only Ivan' keessatti taatoo fi qopheessuummaan hirmaachuuf jirti.

Kanneen bara kanatti sadarkaa tokko hanga 10 keessaa bahanis Milaa Kunis, Juliyaa Roobartis, Kaate Bilancheet, Melisaa Mikaartii fi Gaal Gaadot ni dabalata.

Tarree warra dhiiraan wal bira yoo ilalamu, baay'inni taatoo dubartootaa galii olaanaa argatan baay'ee miti. Keessattuu taatoo gurraattiin tarree olaanaa kana keessa hingalle. Tarreen Forbees dubartoota addunyaa kanfaltii olaanaa argatan bara 2019 kunooti.

Barruu Foorbes irratti taatota dubartoota adunyaa kaffaltii ol'aanaa argatan

  • Tarreen Forbees dubartoota addunyaa kanfaltii olaanaa argatan bara 2019 kunooti.1. Iskaarlet Joonsan -$56m 2. Sofiyaa Vergaaraa -$44.1m 3. Reesee Wizarsipuun -$35m 4. Niikole Kidmaan -$34m 5. Janiifar Anistoon -$28m 6. Kaaley Ku'oko-$25m 7. Elzaabet Moos- $24m 8. Margoot Robee -$23.5m 9. Chaarlize Teeron -$23m 10. Eleen Pompee -$22m

Akkasumas tarreen taatoota dame dhiiraas Roobii darbe gadhiifameera.

Taatoofi daarektarri filmii maqaa moggoo 'the rock' lammiin Ameerikaa Dwaanye Joonsan, qabeenyaa bara darbee galmeessee ture miliyona 119 irraa gadi bu'ulleen, barana sadarkaa bara darbeerraa ol ka'uun tokkoffaa ta'eera.

Joorji Kiluunii kan bara darbe sadarkaa tokkooffaarra tures bara kana tokkoo hanga 10 keesssa osoo hingaliin hafeera.

Sababiinsaas mallaqni bara darbe galmeesse tureef gumaata olaanaa kan taasiseefi dhaabbanni warshaa alkoolii dolaara biiliyoona tokkotti timaamamu gurguramusaatti galiinsaa gadii bu'eera.

Taatoonni beekamtoonni kunneenis galiinsaan kan galmaa'e, isa galii beeksiisaa fi taatummaa irraa argamaniin alatti maddawwan galii hundarra walitti qabamuun kan tilmaamudha.

Bara kanatti dame dhiiraatiin sadarkaa lammaffaa kan qabate, Kiriis Hemansiworiz yoo ta'u, doolaara miliyoona 76.4 galmeesseera.

Biraadilii Kuppar waggoota afuriin booda yeroo jalqabaatiif maqaansaa tarree 10 keessa galeera. Biraadilii barreessummaa, qopheessuummaa fi qopheessaa gargaaraa ta'un badhaasa Oskaar argate ture.

Bara kanattis dolaara mil. 57 galmeessuun sadarkaa 6ffaa qabateera. Urjoon Bollywood Akshaay Kumaar foyya'iinsa ajaa'ibaa agarsiisuun sadarkaa afuriitti ol bahuun dolaara mil. 65 galmeessu danda'eera.

Tarree taatoota dhiiraa kanfaltii olaanaa argatan bara kanaa kunooti:1. Duwaayin Joonsan -$89.4m 2. Kiriis Heemsiwarzii -$76.4m3. Roobarti Doyiniiy -$66m4. Akshaay Kumaar -$65m5. Jaakii Chaan -$58m6. Biraadiilii Kuppar -$57m7. Adaam Saandilar -$57m8. Kiriis Ivaansi -$43m9. Pool Ruud -$41m10. Wiil Simiiz -$35m