Xiyyaarri Itoophiyaa Kibba Somaaliyaa Kisimaayyoo akka hin qubanne dhorkamte

Xiyyaarri kan Itoophiyaati jedhamte loltoota qabattee Kibba Somaaliyaa buufata xiyyaaraa Kisimaayyoo qubachuuf ture dhorkamuun gara magaalaa biraatti darbuuf dirqamte.
Loltoonni Somaaliyaa Juubaalaand xiyyaarri kun akka hin qubanne dhorkan jedhaman kunneen, humnoota waraana Keeniyaatiin akka deggeraman namoonni ijaan argan ragaa ba'aniiru.
Xiyyaarri gara Kisimaayyootti imalte sun 'Komaandoowwan 90 ol qabattee turte' kan jedhamte yoo ta'u, dursanii odeeffannoo barbaachisu guutuun hin kennamne jechuudhaan ture akka hin qubanneef kan dhorkamte jedhameera.
Xiyyaarri Itoophiyaa naannoo Somaalee magaalaa Godeerraa kaatee gara Somaaliyaatti akka balali'aa turte himamu kun, Kisimaayyoo akka hin qubanne erga dhorkamteen booda gara Kibba Lixa Somaaliyaatti qajeeluun Baahidaawaa keessa qubachuun ishee dhaga'ameera.
Namni hojjetaa buufata xiyyaaraa Kisimaayyoo ta'e tokko dhaabbata oduu 'Reuters'tti akka himetti, xiyyaarittiin Itoophiyaarraa akka kaateefi boodarra ammoo gara Baahidawaatti akka dabarte mirkaneeffateera.
Haata'u male, xiyyaarattiin kan sivilii haa taa'tu kan loltootaa wanti beekame hin jiru.
"Xiyyaarattii Kisimaayyoo dhuftee qubachuudhaaf barbaaddee turte. Haata'u malee duraan dursamee odeeffannoon waan nu hin qaqqabiiniif akka qubattuuf hayyamni dhorkameera," jechuudhaan hojjetaan buufata xiyyaaraa kun 'Reuters' tiif ibseera.
Filannoo naannoo sanatti Kamisa dhufu ni gaggeeffama jedhamee eegamaa jiru dursee, bulchiinsa Federaalaa Somaaliayaafi gaggeessitoota naannoo gidduutti waliigalteen akka hin jirre himamaa jira.
Xiyyaarri akka hin qubanneef dhorkamuun ammoo walgaarreeffannaa gaggeessitoota federaaalaafi naannoo kanneen mootummoota Itoophiyaafi Keeniyaatiin deggeraman gidduu jiru ta'uu akka malu tilmaamameera.
Raadiyoon dhuunfaa Daansilaa jedhamu tokko haala Kisimaayyoo keessatti uumame ilaalchisee yeroo ibseetti bu'aa waldorgommii Itoophiyaafi Keeniyaa gidduutti taasifamaa jiru kan ibsu akka ta'ettidha.
Guyyoota muraasaan booda filannoo gaggeeffamuuf jiruun aangoo isaaniirra turuudhaaf dorgomaa kan jiran Pirezedaantiin Jubaalaan Ahimad Mohaamed Madeeboo, michuu Keeniyaa yoo ta'u, Itoophiyaan ammoo mootummaa federaalaa Somaaliyaa teessoon isaa Moqaadishoo ta'e deeggarti.
















