Bulchaan magaalaa Finfinnee masjiida 'dogongoraan' jigef dhiifama gaafatan

Bulchaan magaalaa Finfinnee masjiida 'dogongoraan' guyyaa kaleessaa jigeefi komii ka'eef dhiifama gaafatan.

''Dogongora uumamef ofiifi maqaa bulchiinsa Finfinneen dhiifama nan gaafadha,'' jedhaniiru Kantiibaan Itti - aanaa magaalaa Finfinnee Injinar Taakkalaa Uumaa fuula Fesbuukii isaanii irratti barreessaniin.

Bulchaan Finfinnee kuni kanneen kana raawwatan to'annoo jala ooluu himan.

Miseensa boordii Yunivarsiitii Finfinnee kan ta'an injinar Taakkalaan, Mufti Haji Umar Idiriis dhihoo Yunivarsiitii Finfinnee irraa Doktora Kabajaa akka argatan dursanii fuula Fesbuukii isaanii irratti kan himan isaan turan.

Mufti Haji Umaris akka badhaafaman bulchaa Finfinnee irraa akka dhagahan BBC'tti himaniiru.

''Bulchiinsa magaalichaafi hawaasa musliimaa walitti buusuuf, hojii bulchiinsi magaalaafi koreen waloo hojjetu cilee dibuuf kan yaalan, carraa argamu hunda fayyadamuun maqaa gaarii balleessuuf kan carraaqan akka jiran hubachuu qabna,'' jedhaniiru kantiibichi.

Maaltu dhalate?

Waan dhalate kan gaafanne Pirees Sekiretariin Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Feevan Tashooma guyyaa kaleessaa magaalaa Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Nifaas Siilk Aanaa 1'tti masjiidni diigame jedhan.

''Nutis miidiyaa hawaasummaa gubbaa argine,'' kan jedhan Aadde Feevan kutaan magaalaas ta'e waajjirri kantiibaa waan raawwatame quba hin qabu jedhan. Kan diigames namoota aanaarra jiraniini jechuun himan.

Kana dura koreen abbootii amantii garaagaraa irraa ijaarame jira. Koreen kunis, dhimma manneen amantaa kaartaa hin qabne, gaaffii yeroo dheeraa qabaniifi kaan furuuf bulchiinsa magaalatti waliin hojjeta.

Akka Aadde Feevanitti yoo abbummaan manneen amantii bu'uura seeraa hin qabne abbootiin amantii ofumaa diiguuf waadaa seenaniiru.

Haa ta'u malee, osoo bulchiinsi magaalatti quba hin qabaatin masjiidni ammaaf yoom akka ijaarame hin beekamne diigamuu himan.

''Osoo seera maleelle ijaarame osoo hin beeksisin maaliif kana godhan,'' kan jedhan Aadde Feevan dhimmichi qoratamaa akka jiru eeran.

Yeroo masjiidi jigu miidhaan waan dhaqqabeef bulchiinsi magaalatti dhiifama gaafateera jechuun dubbataniiru.

Namni tokko kan miidhame yoo ta'u namoonni poolisiin to'annoo jala oolan akka gad-lakkifamanis taheera jedhan.

Guyyaa boris Kantiibaan Itti - aanaa Magaalaa Finfinnee bakka rakkoon kuni dhalate dhaquun hawaasaafi abbootii amantii waliin mari'achuuf bellama akka qaban Aadde Feevan BBC'tti himaniiru.