Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bofti Naayijeeriyaatti miseensota mana maree bittinse
Miseensonni mana maree Kibba - Lixa Naayijeeriyaa bulchiinsa Ondoo walgahii taa'uuf jiran bofni baaxii mana irraa buunaan sagantaan haqamuu miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaa jiru.
Osoo bofni bakka jiraatu baaxii manaarraa as bahuu baatee silaa kanneen seera tuman kuni wal gahii taa'uuf turani.
Miseensi mana maree gaazexaa 'Premium Times' jedhamutti akka dubbatanitti taanaan bofi kuni nama hidde hinqabu. ''Inumaa ajjeefame gubateera,'' jedhan.
Gama kaaniin, gabaasni biraa immoo osoo hin miidhamin lo'e baduu isaa hima.
Bofni miseensota mana maree addaan yaase gosa kam akka ta'e wanti gabaafame hin jiru
''Sababa bofaan manni maree kuni waan amansiisaa hin taaneef sagantaa addaan kutuf murteessineerra. Manni maree kuni yeroo hin beekamneef hojii hin hojjetu,'' jechuun miseensi mana maree Olugbengaa Omolee gaazexichaaf himaniiru.
Galmi walgahii ittin walgahan keessatti summii bofa ajjeesu biifuuf gaafa Jimaataatti bellamni qabameera
Kana dura, pirezidantiin Laayibeeriyaa Joorj Wiihaatin bofni waajjiraa isaan baasun isaa ni yaadatama.