Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan basaastota CIA qabadhe gariin irratti du'a murteesseera jette
Iraan basaastota CIA 17 hidhuufi gariin isaaniimmoo du'a irrattii murteessuu himteetti.
Ministeerri tikaa biyyattii shakkamtoonni kunneen otoo isaan waa'ee niwkilaaraa, waraanaa fi seektaroota biroo irraa odeeffannoo walitti qabanii qabaman jedheera.
Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp himannaa Iraan kana ''soba'' dha, jedhu.
Wasshingitanfi Teraan dhimma sagantaa niwukilaaraa irratti wal-dhabuun, gidduu isaanii muddamni akka uumamu taasiseera.
Pireezidant Tiraamp bara darbe waliigaltee niwukilaaraa Iraan wajjin ture haquun, qoqqobbii diinagdee irra kaa'aniiru.
Tibbana immoo biyyooti lameen kunneen Galoo Galaana irratti wal-dhabuun waraanaatti galuuf jechaa turan.
Erga Iraan hidhaa basaastotaa himteen booda, Tiraamp '' Iraan waliin waliigaluun natti ulfaachaa jira'' jedhan.
Iraan basaastota Dhaabbata Basaasaa Ameerikaaf hojjetu jetteen waggaa tokko keessatti qabachuu himteetti
Namooti shakkaman 17 isaaniyyuu lamummaa Iraan kan qaban yoo tahu, of danda'anii waraanaa, niwukileeraafi seektara dhuunfaa keessatti hojjechaa turan jechuun qondaallii tikaa biyyattii rippoortarotatti himan.
Isaan keeessaa meeqan isaanii du'aan akka adabamaniifi yoom akka raawwate hin himne.
''Murtoon basaastota kanaa labsameera. Gariin isaani akka ''malaamaltootaatti'' ( akka seera Isalaamaattii kan du'aan adabsiisu) adabamu, jechuu isaanii ministira tikaa biyyattii eeruun Iranian Students News Agency gabaaseera.