Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan Alangaa Naannoo Amaaraa du'an
Haleellaa Sanbata darbe Bahirdaaritti raawwatameen, kanneen rasaasaan rukutamanii waldhaansarra turan keessaa tokko kan ta'an Abbaan Alaangaa Waliigalaa Naannoo Amaaraa obbo Migbaaruu Kebbedee du'an.
Sanbata darbe magaala guddoo Naannoo Amaaraa Bahiirdaaritti ''yaalii fonqolcha mootummaan'' madaawuun waldhaansarra kan turan obbo Migbaaruun, ganama kana boqochuu Teleevizyiinii Naannoo Amaaraatu beeksise.
''Yaalii fonqolcha mootummaa'' kanaan walqabatee aangawootni olaanoon mootummaa ajjeefaman shan ta'aniiru.
Aangawoonni ajjeefaman:
-Janaraal Se'aaree Mekonnin - Hoogganaa Waraanaa biyyattii.
-Janaraal Gazaa'ii Abarraa- Hoogganaa waraanaa gameessa.
- Dr. Ambacheew Mekonniin- Pireezidantii Naannoo Amhaaraa.
-Obbo Izeez Waase- Gorsaa olaanaa preezidaantii naannoo Amhaaraa ta'u ibsaniiru.