Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hindii: Garee hawaasa sadarkaa ol aanaa jedhaman bira taa'ee nyaachuuf ajjeefame
Hindiyaatti hawaasni Daalit baadiyaa fageenya qabu Kot jedhamu keessa jiraatu aarii guddaan isaan mudatulleen nama isaan gargaare hin arganne jedhu.
Ji'a darbe gareen hawaasa sadarkaa ol aanaa jedhamuun beekaman tokko dargaggeessa ganna 21 jiraataa ganda Kot hawwaasa Daalit jedhaman keessaa tahe fuuldura keenya teessee nyaatte jechuun akka malee reeban.
Dargaggeesi akka malee reebame kunis guyyoota sagal booda lubbuun isaa darbite. Yakki isaan raawwate jechuun gara jabinaan reeban ammoo osoo nuyi cidha irra jirruu taa'umsa irra taa'uun nyaata nyaate jechuudhaani.
Hawwaasni Daalit sadarkaa hawwaasa Hindii akkaataa amantaa Hinduzimiidhaan bakka afuritti qoodamaniin ala yoo tahan garee shanaffaa kannneen hundeeffatan jedhamuun beekamu.
Sababni isaa immoo hawwaasni warri kaan waan isaan harkaan tuqan hin nyaatan, hin fayyadaman. Kanaaf hawwaasa waan hawwaasa kaanii tuquun hin eeyyamneef jedhamuun beekamu. Sirni akkasii kun Hindi keessatti sirna Kastii [Caste system] jedhamuun beekama.
Cidha qophaa'e irrattis nyaata afeerraaf qophaa'e kan bilcheesses kan dhiyeesses hawwaasa sadarkaa ol aanaa [higher class] kanneen jedhamanidha.
Yakki raawwatames osoo nyaata dhiyeessaa jiranii eenyudha taa'umsa kana irra kan taa'e jechuun gaaffii eegaleenidha jedhe poolisiin.
Namoota hedduu cidhicha irra turan keessaa namni dhaqee guyyaa sana jecuun Eebla 26 waan dargaggoo Jitendra jedhamu irratti raawwate hime hin jiru.
Waan boodaan dhufuu danda'u sodaachuun bakka cidhaa turre jedhan malee yakka raawwate hin dubbanne. Hawwaasni Daalit hawwaasa kaan irraa kan qoollifatame yoo tahu jireenya gadi aanaa kannen jiraatanidha.
Lafa oomishaa gahaa hin qaban, maallaqaanis of bulchuu hin danda'an. Kanaaf jireenyi isaanii hawwaasa sadarkaa ol aanaa [higher caste] jedhaman keessa warra jiran irratti kan hundaa'e.
Haa tahu malee yeroo hedduu bakka deemanitti miidhaa gurguddaan irra gahaa tureera. Ajjeefamaa turan. Mootummaan mirga isaanii eegsisuuf seera baasus xiyyeeffannoodhaan isaan eeguu hin dandeenye. Haqa isaaniif falmachuuf ammoo qe'ee jireenya isaaniitti waan doorsifamaniif ni sodaatu.
Duuti Jiteendraa ammoo haadha isaaf gadda dachaa itti tahe. Waggaa shan duras abbaan isaa haaluma wal fakkaatuun ajjeefamee ture. Amma haqa isaanii baasuuf sodaa guddaa keessa akka jiran himanii, gadda guddaa keessa tahanis bor miidhaan biraa nurra gahuu mala jechuun jiraattotni ganda isaanii hundi callisa filataniiru.
Yakka kanaan namootni torba himatamanis ajjeechaa isaa keessaa harka hin qabnu jechuun haalaa jiru.