Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Imalli jaalalaafi nageenyaa Luusii eessa gahe?
Walitti bu'iinsa sabummaa bu'uura godhachuun yeroo adda addaatti umamuu hiikuuf sochiilee taasifamaa turan keessaa imalli jaalalaa fi nageenyaa hambaan Luusii (Dinqinash) bakkeewwan garaa garaatti taasisaa turte isa tokko.
Imalli jaalalaafi nageenyaa Luusii kun gamaa gamanaa yaadota adda addaatu irratti kennamaa ture.
Gariin waa'ee nageenyaa lallabuuf Luusiin imala taasisuun hin barbaachisu, haalawwan biraa hedduutti fayyadamuun ni danda'ama ture jechuun yaada kennaa turan.
Kanneen biroo ammoo, 'haala hin baramne waan ta'eef namoonni xiyyeeffannaa kennuufi danda'u, qophiiwwan taasifaman irrattis namoonni barnoota fudhachu danda'u' jechuun yaada isaanii kennu.
Kaayyoon imalichaa haala biyyattiin keessatti argamtuufi walitti bu'insii ture gara sabuummaatti cillanfachaa waan adeemeef Luusii akka fakkeenya tokkummaatti itti fayyadamuufi jedhan direektarri Turizimii Aadaa fi Afaanii, Ministeera Aadaa fi Turizimii Obbo Alamaayyoo Getaacho.
''Amanaafi haalli umamaa keenya adda ta'ulleen ka'umsi namoota addunyaa tokko, nuti tokko,'' jechuun kaayyo isaa ibsu.
Ergaa kana dabarsuuf imalli Luusii tokko yaa taa'u malee sochiiwwan gara biraa hedduun turuu ni dubbatu.
Imala kanarratti muziqaawwan diraamaa, taphawwan ispoortii fi qabeenyaawwan aadaa irratti waraqaawwan qorannoo dhiyaachuun akkasumas haasaawwan dadammaqinaa dureewwan amantaa fi barsiiftoota yunivarsitiin dhiyaataniiru.
Imalli sunis "Nageenyaa, tokkummaa fi jaalala keenya akkuma duriitti itti fufsiisu qabna,'' yaada jedhu kan hammate ta'uus ni dubbatu.
Kana malees sadarkaa guddinaa bara durii, meeshaalee fi guddina namootaa Luusiin wal bira qabuun hojiin ogummaa dhiyaate ture.
Kanaanis namoonni kumaatamaan lakaa'aman naannoolee irratti qooda fudhachusaanii itti gaafatamaan kun ni himu.
Imalichi kaayyoosaa fiixaan baaseeraa jechuun gaaffii dhiyaateefis deebii yoo kennan, ''Battala sanatti akka waltajjiiwwan irratti mul'ifameetti rakkinichi kan keenya jechuun gara isaaniitti fudhataniiru,'' jedhaniiru.
Imalicha irratti dhaabbata EBC, garee tiyaatira biyyaaleessaa, eegumsaafi qorannoo hambaa, Ministeera aadaa fi turiziimii, Ministeera barnoota olaanoo fi saayinsii, keessumootaafi namoonni haasaa dadammaqinaa taasisan dabalatee kanneen 80 ta'an keessatti hirmaataniiru.
Imalli Luusii kunis naannoolee hundatti kan itti fufu yoo ta'u ammaaf Finfinneetti deebiitee jirti.
"Imalichi adda kan hin citiin ta'u ibsanii, dhimmoota imalichaan fiixa bahaniifi hin bahiin adda baasuun qaawwa jiru guutuuf yaadamee boqonnaa taasifame" ta'u himaniiru.
Haa ta'u malees, duraan karoorri boqonnaafi gamaggamaaf qabamee ture akka hin jirre himan.
Imala Luusii (Dinqinash)
Luusiin gara naannoolee biyyattii garaa garaatti imala taasisuuf sochii kan eegalte baatii Guraandhala ALI 11, 2011'tti Mana maree bakka bu'oota ummataatiin gaggeessaan taasifameefiira.
Tartiibni naannoolees haaluma qophaa'insa isaanitin kan walqabate ta'u Daarektarichi Obbo Alamaayoo ni himu.
Afaar
Luusiin jalqaba imala ishee kan taasiftee gara naannoo Afaariitti. Achittis qophiileen tiyaatiraa fi ogi barruu hedduun gaggeefamaniiru.
Guyyoota shaniif walitti fufees Loogiiyaa, Samaraa, Hadaar bakkeewwan jedhamaniitti socho'un ummataan dowwatamtee jirti.
Somaalee
Haaluma walfakkaatuunis imala ishee gara naannoo Somaalee gara Jijigaatti taasisuun, guyyoota shaniif achi turte jirti.
Wayita sanattis jirattoonni magaalichaa fi hayyoonni kan doowwatan yoo ta'u waraqaan qo'annoos dhiyaateera.
Haarar
Imalli Luusii Harar adda jedhuu itti gaafatamtichi. Sababii isaas yoo eeran, Luusiin Finfinnee gara Samaraa, achiinis gara Finfinneetti deebii'uun gara Somaaleetti xiyyaaraan imalte. Haa ta'u malee Jijjiggaadhaa gara magaalaa Harar kan deemte geejjiba lafaatiin ture.
Jijjigaadhaa gaggeessa olaanaan gara magaalaa harariitti kan ergamtee Luusiin, turtii guyyoota shanii keessattis yunivarsitii Haromaayaa fi jiraattoota magaalatiin qophiiwwan adda addaa raawwatameera.
Caamsaa ALI 15, 2011'tti kan eegalu imalli marsaa lammaffaa Luusii Finfinnee dabalatee gara magaaloota naannoolee torbaatti akka deemtu barameera. Turtii Luusii kunis hanga Waxabajjii 15, 2011tti akka gaggeefamuu itti gaafatamtichi ibsaniiru.