Barsiisaan amantii lammii Indiyaa Zaakir Naa'ik maallaqa seeraan alaa daddabarsuun himataman

Madda suuraa, Getty Images
Abbootiin alangaa Indiyaa barsiisaa amantii Islaamaa wal-falmisiisaa tahe, Dr. Zaakir Naa'ik qarshii seeraan ala daddabarsuun himataniiru.
Dr. Naa'ik baqannaan kan jiraatan yogguu tahu, maallaqa doolaara miiliyoona 28 seeraan ala dhuunfachuun himannaa irratti baname.
Qondaalotni Indiyaa haasaa jibbaa tamsaasuufi shororkeessummaa kakaasuun isaan himatu.
Namni ganna 53 kuni sarara Televziyoonii Peace TV jedhamuun Islaamummaa rincicaa barsiisu jedhamuun, TV'n isaanii Indiyaatti uggurameera.
TVn isaa Indiyaatti haa ugguramuyyuu malee, akka addunyaaatti daawwattoota miiliyoona 200 tahan qaba.
Tamsaasni Peace TV Dubaay irraa kan darbu yoo tahu, dhaabbata Islamic Research Foundation jedhamuufi Naa'ikiin hogganamuun dhuunfatama.
Biyyoota birootti Televiziyooniin isaanii uggurameera- Baangilaadishitti immoo bara 2016tti abbaa qawwee kaaffee haleeluun namoota 22 ajjeesse duuba jira jechuun ceepha'amu.
India's Enforcement Directorate (ED)- yakka maallaqaan wajjin wal-qabatee hojjetamu qoratu gaafa Kamisaa Mumbaayitti himannaa irratti baneera.
''Haasaawwaniifi barsiisoti isaa dargaggootaa Musliimaa baayyee gochaawwan seeraan alaarratti akka bobba'an jajjabeesseera,'' jechuun himateera dhaabbatichi.
Dhaabbatichi Naa'ik maallaqa haasaa taasisuuf baasu madda waliinsaa hin beekamneefi shakkisiisaa ta'eerraa argata jechuunis himata.
Dr. Naa'ik maallaqicha karuma seera qabeessaanin argadhe jedhu.
Zaakir Naa'ik eenyu?
Naa'ik barsiisa amantaa kennuun nama wal-falmisiisaa tahe dha.
Namooti al-Qaa'idaa hordofuun qabaman baayyeen akka inni dhiibbaa irratti godhe dubbataniiru.
Bara 2010tti amala fudhatama hin qabne agarsiisuun UK akka hin galle dhorkameera.
Haa tahu malee bara 2016tti haleellaa Kaaffee Holey Artisan cafe magaalaa guddoo Baangilaadish Dhaakaatti, taasifameen booda dha kan xiyyeeffannoo kan argate.

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan Baangilaadish abbaan qawwee inni tokko haasaa isaan kaka'etu haleellicha raawwate jennaan, mootummaan biyyattii Peace TV uggure.
Bara 2016tti dhaabbatni Indiyaa shorokeessummaa faccisu jibba amantaa jajjabeessuun himannaa irratti baneera.
Erga 2017 Zaakir Naa'ik Maalezhiyaa jiraatu.














