Gabaasa Gallup: Sadarkaan dhipuufi gammachuu biyyoota addunyaa ifa bahe

Namooti addunyaa yaaddoo, aariifi dhiphinni isaanii dabalaa jira jedha qorannoo sadarkaa addunyaatti gaggeefame.

Biyyoota 140 keessatti namoota 150,000 keessaa harki sadii akka dhiphatan, nama shan keessaa tokko immoo gadda yookiin aarii akka qaban dubbatu.

Qorannoon waggaa Gallup Global Emotions Report jedhamu muuxannoo waan gaarii fi hamaa gaafateera.

Biyyi muuxannoo hamaa qabdu Chaad yoo taatu, Niijeer itti aanti - lammannuu Afriikaa keessatti argamu. Biyyi muuxannoo gaarii qabdu Paaraaguwaayi dha jedha qorannchi.

Qorattoonni kunneen hirmaattota qorannichaa waan guyyaa gaaffii gaafatamaniin dura keessa oolan gaafatan.

Gaaffii kan akka ''kaleessa kofaltee turtee?'' fi namooti kabaja siif kennaniiru?'' jechuun haala jiruu guyyaa namootaa beekuuf yaalame.

Namooti harka 71 ta'an guyyaa gaaffiifi deebii dura gammachuu gahaa jedhamu keessa akka oolan dubbataniiru.

Lakkofsa qorannichaan dhiphinni sadarkaa olaanaarra gaheera, yaaddoofi gaddis dabalaniiru. Namooti harka 39 tahan guyyaa sana yaaddofneerra yoo jedhan, harki 35 immoo dhiphataniiru.

Biyyoota 5 muuxannoo gaarii olaanaa qaban

  • Paaraaguwaay
  • Paanaamaa
  • Guwaatimaalaa
  • Meeksikoo
  • El Saalvaadoor

Biyyoota 5 muuxannoo hamaa olaanaa qaban

  • Chaad
  • Niiger
  • Seeraaliyoon
  • Iraaq
  • Iraan

Biyyooti Laatiin Ameerikaa muuxannoo gaarii qabaachuun sadarkaa duraarraa jiru ''yeroo hunda gammado dha'' jechuun isaaniis gabaafameera.

Bu'aan qorannoo kanaa aadaa warri Laatiin Ameerikaa ''Waan gaarii jireenyaaf xiyyeeffannoo kennu isaanii'' agarsiisa jedha.

Lammiilee Chaad kudhan keessa torba takkaa takkaa nyaata bitachuu akka hin dandeenye himaniiru.

Harka 61 kan ta'an immoo qaamni isaanii akka dhukkubsatu dubbataniiru.

Haa ta'u malee Chaad biyya bu'uuraaleen misoomaa keessatti hin babal'anne caalaa namooti Ameerikaafi Giriik keessa jiratan dhiphina qabu.

Giriik akka addunyaatti namoota dhiphatan harka 59 qabaachuun dursiti, Ameerikaanimmoo harka 55 qabaachuun itti fufti.