American Airlines dhorkaa Boeing Max 8 akka hin balaliine irra jiru dheeresse

Madda suuraa, Reuters
American Airlines dhorkaa balalii xiyyaarota Max 737 hanga ji'a Waxabajjiitti jedhamee ture hanga walakkaa ji'a Hagayyaatti dheeressan.
Murtoon kun maamiloota yeroo gannaa imalan hedduuf ofitti amanamummaa dabaluuf akka tahes ibsaniiru.
Ji'a darbe balaa xiyyaaraa Itoophiyaatti mudate hordofee akka adunyaatti xiyyaarotni Boing 737 Max 8 jedhaman tajaajila balalii irraa dhorkamaniiru.
Erga balichi dhaqqabeen as kaampaaniin Boeing soofti weerii haaraa sirna balalii xiyyaarichaa to'atu hojjechaa jira.
Qondaaltotni olaanoon Daandii Qilleensaa Ameerikaa fooyya'insi kaampanii Boeing taasisaa jiru Aviyeeshinii To'attotaa Ameerikaan Hagayya 19 dura ni mirkanaa'a jennee abdanna jedhan.
Daandiiwwan Qilleensaa kunneen xiyyaarota 737 Max 8 24 tahan balalii dhorkaniiru. Dhorkinsi kun guyyaatti balaliiwwan 115 tahan irratti dhiibbaa qaba.
Qorannoon balaa xiyyaaraa Itoophiyaa akkuma itti fufetti ture xiyyaarotni kunneen balalii irraa kan dhorkaman.
Balaa Xiyyaaraa Itoophiyaan funyaan xiyyaarichaa yeroo baay'ee irraa gadi garagaluun akka rakkisaa turee fi paayiletotni waan danda'an hundaa akka godhanii ture bu'aa qorannoo jalqabaan ibsamee ture.
Balaa xiyyaaraa Itoophiyaan dabalatas xiyyaarri Max 8 Daandii Qilleensaa Indoonezhiyaas caccabuun lubbuu namoota 189 galaafachuunsaa ni yaadatama.
















