Balaa Xiyyaaraa ET302: Boeing balaan uumame rakkoo softiweerii xiyyaarichaan ta'uu amane

Boeing balaa xiyyaara Itoophiyaa ET302 mudate rakkoo siistema meeshaa akka xiyyaarri hin dhaabbanne taasisu kan 'anti-stall system' jedhamuu ta'uu amane.

Hoji-gaggeessaan Boeing, Dennis Muilenburg, rakkoon siisteema akka xiyyaarri hin dhaabbane taasisu (automated anti-stall system) balaa xiyyaaraa hamaa 737 Max lama ji'oota darban shan keessatti uumameef ga'ee qabaachuu amananiiru.

Garuu xiyyarri 737 Max jedhamu erga takkaa mosaajiin (software) isaa kun sirreeffameefii qajeelchawwan paayileetotaa foyyeeffamee booda xiyyaara akka addunyaatti ittiin balali'uuf naga qabeessa ta'a jedhan, hoji-gaggeessan kun.

Gabaasa duraa qorannoo balaa yeroo dhiyeessanitti ministirri Geejjibaa Itoophiyaa siisteemiin xiyaaraatti jiru kun akka funyaan xiyyaaraa gadi seenu yeroo taasisutti paayiletoonni akkaataa qajeelfama Boeing tiin oolchuudhaaf yaalaniyyu hin danda'amneef.

Hojjetoonni xiyyaaraa hunduu seeraafi sirna balaa oolchuu jiru hunda hordofaniyyu hin dand'amneef.

Dennis Muilenburg balaa xiyyaarota 737 Max qaqqabeen lubbuu namootaa darbe hedduu akka isaan gaddisiise dubbataniiru.

''Haalawwan balaa uuman hambisuun hojii keenyadha. Xiyyaarichi kan nuti hojjennedha. Akkamitti akka sirreessinus kan beeku nudha.