Guyyaa gammachuu: Karaawwan shan gammadoo ittti taanu

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaan har'aa guyyaa gammachuu idila addunyaati. Yoo miiraa gammachuu qabaacaa hin jirtan ta'es hin yaaddahiinaa gammadoo ta'uu akkamiin akka dandeessan ni barattu.
Akkuma atleetotaa fi namootani muuziqaa yaalanii baranii, off fooyyesanii milkaahan akkasuma gochuu gammadoo ta'uun ni danda'ama.
Gammadaa ta'uun akkanumaan hin dhufu, waan shaakalamuudha jetti Yunivarsiitii Yaalee Biyya Ameerikaatti gosa barnootaa jaalatamaa 'psychology and the good life' kan barsiiftu Proofeesar Luuriiy Saantoos.
Gosti barnootaa ishee barsiistu kun seenaa Yunivarsiitichaa 317 keessatti barnoota hedduu jalaatamuudha. waggaatti barattoota 1,200 galmeessuunis yunivarsiticha keessatti rekoordii galmeeseera.
Saayinsiin gammadoo ta'uun xaariiwwan qalbiifaman kan barbaadu ta'uu mirkaneessa. Salphaa miti yeroo fudhata garuu milkaahuu danda'aa jetti Saantoos.
Saantoos wantoota shan gammadoo ta'uuf yaaluu qabdu jettu isaan kana:
1. Wantoota irrattii galateeffatan tarreessaa

Madda suuraa, Getty Images
Saantoos barattoota isheen wantoota nama galataa isaan taasisu guyyaa guyyaan akkasumas torbaniin akka tarreessan gaafatti.
Wantootni isaan irratti galateefatan kun ''waan salphaa fakkaatus, barattootni itti fufiinsaan waan kana shaakalan warra kaan caalaa gammadoodha'' jetti Saantoos.
2. Hirriba baayyee fi fooyya'aa

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaatti sa'aa saddeet torban guutuu argachuudha inni guddaan.
Shaakala kan milkeessuun rakkisaa ta'uu akka danda'us dubbatti ogeettiin kun
''Waanuma salphaa fakkaatus, hirriba baayyee fi fooyya'aa argachuun carraa mukaawuun rakkachuu xiqqeessuun ilaalcha gaarii akka qabaannu gochuu danda'uun isaa beekamaadha''
3. Liixaan Yaaduu (Meditate)

Madda suuraa, Getty Images
Guyyaa hundumaa guyyaatti daqiiqaa 10'f kophaatti yaada naanneffachuu.
Saantoos wayita barattuu turte kophaatti yaada naanneffachuun isee miira ishee akka tolchaafii ture himti.
Erga barsiiftuu taatees yeroo fudhachuun liixaan yaaduu fi gochoonni qalbifannaan raawwataman gammadoo akka ta'an akka isaan gargaaru gorsiti.
4. Maatiifi hiriyyoota waliin yeroo ofii dabarsuu

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoowwan dhiyeenya kana hojjetamaa jiran yeroo gaarii maatiifi hiriyyoota waliin dabarsuun gammadaa si godha jetti Saantoos.
Namoota jaalannu waliin yeroo dabarsuu ykn hariiroon hawaasummaa fi haasaa naga qabeessa namaa waliin qabaachuun miiraa gammaduu uumuuf gahee akka qabu gorsiti.
''Ilaalchi yeroo irratti qabdan gammadoo ta'uuratti gahee qaba. Yeroo baayyee duroomuu hanga maallaqaa qabnu waliin walitti fidna, qorannoon garuu kan agarsiisu duroomuun yeroo hangamii akka qabnu wliin hidhata kan qabu ta'uusaati.''
5. Hariiroo miidiyaa hawaasumma xiqqoo fi hariiroo dhugaa mul'atu

Madda suuraa, Getty Images
Miidiyaan hawaasummaa miira gammachuu sobaa namaa kenna. kanaaf badaa isatti qabamuun hin barbaachisu jetti Saantoos.
''Qorannoon dhiyeenya kana bahe tokko namoonni miidiyaa hawaasummaa akka Instaagraam irratti hariiroo jabaa qaban, warra isaa hin fayyadamne caalatti gammadoo miti jedha''
kanaaf miidiyaa hawaasummaarrattis hin cichiinaa jechuun gorsiti

Madda suuraa, Yale University OPAC














