Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bu'uureffamuu fi gufuuwwan Bariisaa irratti Gaazexeessitoonni gameeyyiin maal jedhu?
Seenaa gaazexaa Oromoo keessatti Bariisaan bakka ol-aanaa akka qabu gaazexeessitoonni buleeyyiin ni dubbatu. Bariisaan 'Angafa Gaazexaa Oromooti' jedhamas. Gaazexaan kun waggaa 44 dura ture kan hundeeffame.
Akka namoonni miidiyaa Afaan Oromoo irratti qorannoo gaggeessan jedhanitti Bariisaan gaazexaa Afaan Oromoo dhuunfaan maxxanfame isa jalqabaati jedhu. Bariisaan akkuma Fulbaana 2, bara 1976 irraa eegaleen hanga baatii ja'aatti uummata Oromoo biratti hedduu jaallatamee ture.
Keessattuu siyaasaa, aadaafi eenyummaa Oromoo jabeessuu keessatti fudhatama guddaa argatee ture akka warri qoratan jedhanitti.
Haata'u malee, erga ji'a ja'aaf walitti aansuun maxxamfamee rabsamaa turee booda mootummaan of jala galfatee akka dhimma piropogaandaa ofiif itti fayyadamuu eegales ni mullisa ragaan qorannoo seenaa midiyaa Afaan Oromoo irratti taasifame kun.
Qorannoo mata-duree 'Afaan Oromoo Mass Media: Challenges and Prospects' jedhu jalatti Barsiisaa Yunvarsiitii Finfinneefi Kaadhimamaan Doktoraa Nuutmaan Aliyyii, akka seenaa ka'umsa gaarii qabuuf gaazexaan Bariisaa yeroo ammaa kana 'du'eera' jechuun ni danda'ama jedha.
Seenaa dheeraa qabuufi baayyina saba tajaajiluu qabuun walbira qabamee yeroo ilaalamu gaazexaan Bariisaa xiyyeeffannaa addaa itti kennuun akka guddatu taasisuu barbaachisa akka qorannoon kun jedhutti.
BBC Afaan Oromoo namoota hundeessan keessaa gaazexeessaa Ibraahim Haji Alii haala jalqabbii gaazexichaa gaafateera.
Bara sanatti Qubeedhaan kan hin yaadamne ture kan jedhan gaazexeessaan gameessi kun, "Waanuma fedhe yaa ta'u jennee qubee Saabaadhaan eegalle," jedha.
Yeroo sanatti akka hojjetoota gaazexaa Bariisaatti kan turan Mahaadii Amiid Mudee akka Gulaalaa Ol-aanaatti, Lammeessaa Boruufi Immiree Angoosee akka turan yaadatee, isaan keessaa anumatu biyyatti hafe jedha Ibraahim Hajii.
Gaazexaan Bariisaa kabaja waggaa tokkoffaa Mootii Hayilasillaasee itti kuffiisan ALI bara 1968 tti ture yeroo jalqabaa kan maxxanfamee gabaarra oole jedha. Qabiyyeen gaazexaa Bariisaa yeroo sanaas, xalayaafi walaloo baayyee uumata keessaa dhufan keessumeessuu akka ta'e yaadatee rakkoofi haccuucaa uummata Oromoo irra ga'aa turetu ittiin ibsama jedha Ibraahim Hajii.
"'Qeerroo mataa tuutaa hin jarjartu suuta" walaloo jedhaniifi walaloowwan rakkina ibsan ergamaa turan. Uummanni Oromoo maal keessa akka turaniifi jiran, hangam akka miidhamee ture ilaalchisee xalayaan sodaa tokko malee barreeffamaa ture."
Ibraahim Hajii akka jedhutti milkaa'inaafi hirmaannaa yeroo sana ture ilaalanii yeroo sana akka 'saansurii' jalatti deebiyan ta'e. "ALI bara 1969 irraa kaasee mootummaa jala galee Pireesiidhaan maxxanfamuu eegale," jedha.
Maxxansi al takkaatti 25,000 maxxanfamaa ture akka 5,000 gadi deebiyu taasifamee uummata birattis akka fudhatama dhabu taasifame jedhuun ibsa gaazexeessaa Ibraahim Hajii.
Obbo Dhugaa Jabeessaan ammoo erga Bariisaan hundeeffamee waggaa muraasaa booda itti makamuun bara dhimma Oromoofi Afaan Oromoof hojjechuun gatii guddaa nama baasisutti gahee seena qabeessa ba'anidha.
Angafa gaazexaa Oromoo kan ta'e Bariisaan Afaan Oromoo afaan afoola qofaan ture akka gara hog-barruutti jijjiiramuuf gumaacha ol-aanaa taasiseera jedhan Obbo Dhugaan.
"Akkuma Afaan Oromoo raadiyoofi TV ni caccabsa jedhamaa ture sana attamitti afaan kun afaan hog-barruu ta'a? Oromoon nu irratti barachuu/hubachuu isaati jechuudhaan karaa adda addaatiin gadi qabamaa ture," jedhu.
Uummanni yeroo gaazexaa Bariisaa baruu jalqabu kutaalee Oromoyaa gara garaa keessaa akka isaan qaqqabuuf gaafataa akka turan yaadatanii, dhiibbaan guddaa karaa mootummaafi namoota Afaan Oromoo akka guddatu hin jaallanneen taasifamaa tureera jedhan.
Obbo Dhugaan yeroo tokko baayyinni gaazexaa Bariisaa maxxanfamu 25,000 ga'ee ture garuu uummata bira ga'aa hin turre jedhu.
"Nuti kutaa biyyaatti ergama seena garuu odeeffannoo gaafa dhageenyu kun hunduu uummata bira ga'uudhaa mannaa jedhanii namoonni qabeenya qaban jumilaadhaan bitanii Markaatootti hambisuun meeshaa/shaqaxa ittiin maramee akka gurguramu taasisaa turan."
Quuqama qabaniin akka dhuunfaatti kutaa Oromiyaa gara garaa irra deemuun ifaajaa akka turaniifi warra dhimmi isaan ilaalatuttis dhiyeessanis, "maaltuu isin galche nuun jedhan," jedhan.
Sana irraa jalqabee kan koppii 25,000 ture gara 10,000tti gadi bu'e. Booda ammoo gara 5,000tti achirraa ammoo gara 3,000 gadi bu'ee jedhan Obbo Dhugaan.
Maaltu ta'uu qaba kan jedhuuf Obbo Dhugaan, "Gaazexaan kun gaazexaa seena qabeessa waan ta'eef kabaja argatee yoomiyyu caalaa babal'atee akka fakkeenyaatti fudhatamee guddachuu qaba," jedhan.