Buufata Xiyyaaraa Boolee: Lammiin Niijer ji'oota sadii oliif Booleetti danqameera

Madda suuraa, Getty Images
Lammiin Niijer Israa'el irraa ari'ame buufata xiyyaaraa Itoophiyaa Boolee jirutti erga rakkachuu eegale ji'a sadii ol ta'eera.
Iisaa Mohaammad waggaa darbe Ebla keessa ture eeyyamama malee Israa'elitti argamte jedhamee kan hidhaa bu'e.
Umurii isaa 16'tti jireenya fooyyee qabu barbaacha biyya isaa gad-lakkise biyya Israa'el keessa jiraataa ture.
Akka inni jedhutti kanneen qarshiin karaa seeraan alaa nama qajeelchanitti Liibiyaafi Gibxii akka isa ceessisan kanfaluun boodarra bara 2011 Israa'el seene. Ergasii achuma jiraata ture.
Baatii sadaasaa keessa qondaaltonni Israa'el xiyyaara Itoophiyaarra qubachiisuun Finfinneerra gore akka Niijeritti deebi'uf carraaqanis qondaaltonni biyya isaa dokimantiin of harkaa qabu soba akka ta'an itti himan.
''Niijer keessa nah in fedhani. Nan fudhatani,'' jechuun BBC'tti dubbate.

Niijer keessa torban tokkoof erga hidhame booda Israa'elitti deebifame. Israa'el garuu fudhachuu diddee torban muraasaaf deebitee hiite.
''Harkaafi miilakoo hidhanii Niijer nafudhachuu diddetti nadeebisuuf xiyyaara keessa na seensisani,'' jechuun hima.
Erga Niijer yeroo lammataaf isa fudhachuu diddee booda dokimantiin balallii Israa'el kennitef yeroo Finfinnee qubate waan dhumate turef achumatti hafe.
Kunis kan ta'e dhuma baatii Sadaasaati, ergasiis achuma buufata Xiyyaaraa Itoophiyaa jira.
Gargaarsa nyaataa
BBC'n Ministiria dhimma alaafi Imbaasii biyyattii Itoophiyaa jiru maaliif dokimantiin harkaa qabu soba maaliif soba akka jedhan baruuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Mohaammad yeroo guyyaa koridorii buufata xiyyaaraa keessa oli gadi deemaa nyaata namoonni mana nyaataa buufata xiyyaaraa jiruuti itti kennanin jiraata.
''Takka takka hojjeettonni daandii xiyyaaraa nyaata naaf kennu. Yeroo hundaa nyaatuma wal fakkaataa ta'us isaanin galateeffadha.''
Buufata xiyyaaraa sana keessa lafa hordoftoonni amantaa Islaamaa sagadanitti mi'a ofii ka'ate jiraataa yoona gahe.
Erga qaama dhiqadhe tureera kan jedhu baqataan umurii 24 Mohaammad, achi turu akka hin barbaanneefi namoonni akka gargaaranif watwaata.
''As turuu hin danda'u. Sababni isaas buufatni xiyaaraa mana koo miti,'' jechuun dubbata.
Seenaan Mohaammadiifi lammii Sooriyaa buufata xiyyaaraa Maaleyziyaatti ji'a torbaaf ture waliin walfakkaata.
Haasan al-Kontar buufata xiyyaaraa Kuwaalaa Laampur irraa guyyaa guyyaatti viidiyoo waraabaa gadhiisaa ture. Boodarra namuu gurra itti qabe jennaan baati Sadaasa darbe Kaanaadaatti koolu galtummaa argate.

''Qe'ee itti dhaladheen yaade. Namni kamuu mana isaa/ishee ni jaalata. Haalli amma irra jiru garuu baay'ee rakkisaadha,'' jechuun Mohaammad hima.
Waajjirri baqattoota Israa'el dokimantiin Mohaammadif kenname inni qondaaltonni Nijer soba jedhan sirrii akka hin taane ergaa BBC'f ergeen beeksiseera.
'Koolu-galtummaa'
Mohaammad qondaaltota Niijer, Israa'eliifi Itoophiyaa waliin tumsee dhimma isaa furmaata itti gochuuf dhamahuu isaa dubbata.
Dhimmi isaa garuu Itoophiyaa baqattoota simachuun beekamtuu maqaa biraa itti hore.
Ji'a darbeyyuu Itoophiyaan imaammata baqattoonni kaampii keessaa bahani carraa barnootaafi hojii akka argatan eeyyamu baastetti.
Qondaalli waajjira immigireeshinii Itoophiyaa maqaan isaa akka dhokatu fedhu akka jedhetti dhimma Mohaammaditti kan seenu danda'an yoo koolu-galtummaa gaafate qofa. Isammoo inni hin dida.
Mohaammad garuu Itoophiyaa keessa turu hin barbaadu. Yaadni isaa biyyatti deebi'u yookiin jireenya isaa Israa'elitti deebi'u akka tahe himeera.
Hanga fala argatuttis Mohaammad buufata xiyyaaraa Boolee keessa asi achi deemaa jiraata.















