Barsiisaa Siyyuum Boggaalee: Barsiisaa maatii barattootaan jaalatamu

Barsiisaa Siyyum Boggaalee wayita qaama barattootaaf dhiqan

Madda suuraa, Awi communication

Meeshaa bishaan ittiin waraaban 6 fi gabatee daa'imman keessatti dhaqna dhiqan qabu. Barsiisaa Siyyuum Boggaalee hanga ammaatti qaama daa'imman 650 dhiqaniiru. Daa'ima tokko qaama dhiquuf daqiiqaa 30 qofa itti fudhata.

Torbanitti guyyoota lama, Roobii fi Jimaata ammoo uffata barattoota 60 miiccu.

Kaayyoon isaaniis qulqullina barattootaa eeguudha. Mindaa argatan keessaa lama sadaffaa hojii akkanaaf oolchaa jiru.

Uummanni naannoo ''namni kun maaliif harkaan rakkoo keessa of galcha'' ittiin jedhu turan. Boodarra garuu gaafa dubbiin galuuf nama kanaaf dhugaa bahuufii eegalan.

''Yoo ati itti tuftee eebbiisteyyuu daa'imman ni guddatu'' jechuun eegalan.

Namoonni isaan beekan baayyee kabajuun. ''Waa'een isaanii dubbatamee hin dhumu. Gababaadhumatti isaan nama dhalootaaf uumamaniidha'' itiin jedhu.

Namni kun eenyu?

Siyyum Boggaale barsiisaa Afaan Ingilizii yoo ta'an, bara 1998 Yuuniversitii Gondar irraa ogummaa barsiisummaan eebbifamanii hojiidhuma kanarra turan.

Durirraa eegalanii rakkoo maatii keessatti mudatu akka furaa turan dubbatu. Nama qannootti guddate waan hin taaneef rakkinni isaaniif haaraa miti.

Waggaa 13ffaa isaaniitti wayita abbaan isaanii boqotan irraa eegalanii obboloota isaanii gadi jiran kunuunsuu fi barsiisuuf itti gaafatamummaa fudhatan.

Hojii fakkeenyummaa qabu kana yeroo sana eegalan.

''Isaaniin barnootaa fi amala gaariidhaan sadarkaa fooyya'aarraan ga'uuf jecha aarsaa kaffaleera. Bu'aa ifaajee kootiis milkaa'ina isaaniitiin argadheera'' jedhan.Yeroo ammaa kana haadhasaanii dadhabde gargaaraa jiru.

Hojii mana keessaa hundumaa ni hojjetu. Kan isaan hafu hin jiru.

Naannoo barsiisanitti maatiin ijoolleesaanii mana barnootaatti akka ergan ni gorsu. Waan uummanni naannoo isaanii hojjetu hunda keessatti hirmaatu, baradheera jedhanii hin qoollifatan.

Bakka hawaasa keessatti argamanitti yaadannoosaanii baafatanii rakkoo hawaasa keessa jiru galmeeffatu. Isa booda hamma humnasaanii furmaata itti barbaadu.

Guyyaa tokko barattuun tokko ''Uffati kiyya waan na duraa citeef, uffata citaa uffadhee daree hin seenu'' jechuun mana barumsaarraa akka hafte dhagahanii miira keessa galan.

Kana keessaa bahuuf yoo xiqqaate barattoota lama deggeruu akka qaban ofiin mari'atanii murteessan.

Barsiisaa Siyyum Boggaalee daree keessatti

Madda suuraa, Awi Communication

Barattuu kanaaf huccuu haaraa hodhisiisanii meeshaalee barnootaas guutaniif.

Daree ishee keessaa barattuu adda duree taatee sadarkaa olaanaadhaan barnootashee akka xumurtuuf hawwaa turan.

Yeroo ammaa kana barnoota Injinariingiitiin eebbifamtee hojii qabattee jiraachuunshee akka kaayyoo isaanii galmaan ga'eef dubbatan.

Barattuu kana kunuunsanii sadarkaa kanarraan ga'uun isaanii ,kufaatii barattootaaf rakkinni dhaloota bira jira osoo hin taane akkaataa itt dhaloota kunuunsan ta'uus dubbatan.

Qulqullina barattootaa eeguu fi qulqullina barnootaa keessatti ga'eesaanii ba'uun barattootasaanii sadarkaa gaariirraan ga'uuf hojii isaanii itti fufan.

Kana qofa miti. Duraan wayita kutaa 7ffaa fi 8ffaa Afaan Ingilizii barsiisaa turanitti barattoonni qubee 'G' fi 'J' adda baafachuu wayita dadhaban baayyee aaran. Barattoonni kunneen hanga sadarkaa kana ga'anitti ijaan waa arganii hin beekan moo gaaffii jedhu of gaafatan.

Dhalooti akkanaa akkamiin uumamuu danda'e? gaaffii jedhu qabatanii Godina Saba Awwii Aanaa Fuugitaa Lakoomaa keessatti mana barumsaa argamutti iyyannoo dhiyeessan.

Sadrkaa irra jiran irraa gadi bu'anii kutaa tokkoffaa barsiisuu akka barbaadan gaafatan. Haa ta'u malee akka yaadan salphaa hin turre. ''Kutaa tokkoffaa barsiisuuf leenjii barbaachisu hin fudhanne'' jechuun falmiin irratti ka'e.Leenjii na ga'oomsu naaf kennaa jedhanii gaafatan.

Boodarra milkaa'anii kutaa tokkoffaa qofa barsiisuu eegalan. Hojii isaanii dakaa barattoota qopheessanii barsiisaa itti aanutti dabarsuu qofa ta'e.

Naannawa isaan itti barsiisan keessatti rakkoon bishaanii qormaata guddaadha. Ijoolleen qonnaan bultootaa qulqullina isaanii eeggachuun hafee waan dhuganillee yeroo dhabantu jira. Kun waan isaan yaachisu keessa isa ijoo ture.

Kanaaf furmaata barbaaduu eegalan. Saamuna, meeshaa itti huccuu miicanii fi bishaan qopheeffatanii qaama barattootasaanii fi huccuuu irraa miiccuu eegalan.

Barsiisaa Siyyum Boggaalee bara barnootaa kana faraqaa lamaan barattoota 130 barsiisaa jiru. Barsiisuu qofa osoo hin taane qulqullina isaanii eeguu irrattis xiyyeeffataniiru.

Mana barnootaarraa meetira 200 qofa fagaattee kan argamtu bishaan qulqulluu jallisiif oolu fayyadamuun barattootasaanii qaama dhiqu, fuulasaanii qulqulleessu, huccuu irraa miiccu.

Daarekatarri mana barumsichaa hojii barsiisaa kanaa itti dhiyeenyaan hordofan, ''nama kana deggeruuf humna dhabnullee bara kana waan saamunaa bituuf oolu birrii 1500 kennineef'' jedhan.

Hojiin Barsiisaa Siyyum warra kaaniifis fakkeenya ta'a kan jedhan daarekatarri kun ''Barataan dareesaanii hafu hin jiru, kan barnootasaa addaan kutus hin jiru. Hunduu ni xumuru. Hojiin barsiisaa kanaa maatiin akka barattoota mana barumsaatti ergan kakaaseera.'' jedhan.

Barsiisaa Siyyum erga hojii tola ooltummaa kana eegalanii waggaa 10 ta'eera.

Yeroo ammaa magaalaa Finfinnee keessatti hojii mootummaa hojjetaa kan jiru Fiqaaduu Ijjiguu obboloota isa booda jiran barsiisaa Siyyum akka barsiisan dubbata.

''Hojiisaanii baayyee jaallatu, ni kabaju ,gaarummaansaanii himamee hin dhumu,'' jedha. ''Nama rakkate gargaaruun beekamu jedha, Yoo barataan rakkadhe jedhee dubbatu maaliif barsiisaa Siyyumitti hin himne jedhama'' jedhe.

Barsiisaa Siyyum hojii fakkeenyummaa qabu kanaan badhaasa hedduu aragataniiru.