'Kibba Wallootti sirna misirrummaa irra osoo jiranii boombiin aruztichaa fi waayilasaa galaafate'

Madda suuraa, Getty Images
Godina Kibba Walloo aanaa Booranaatti ganda Beetaa Mendegaa jedhamutti sirna gaa'ilaa isaanii raawwatanii sirna misirrummaa [Caagulaa] irratti boonbiin dhohe lubbuu aruuztichaa fi namoota biroo lamaa galaafateera.
Ogeessii Waajjira Komunikeeshinii aanichaa Obbo Siisay Kifiluu BBCtti akka himanitti aruuztichaa fi waayiloonni isaa osoo tuttuqanii dhohuu akka hin oolle himanii namoota biroo sadii irras miidhaan dhaqabera jedhan.
Yeroo sana Aruuztittiin ykn haati manaa gurbaa fuudhe yeroo sana maatii ishee waliin akka turtes himaniiru.
Itti aanaan bulchaa ganda Beetaa Obbo Abebee Geetoo hawwaasni naannichaa baay'ee akka gadde himanii, hawwaasnis of eeggannoo gochuu akka qabuu fi meeshaa seeraan alaas akka saaxiluuf hojii hubannoo uumuu hojjechaa jiran himan.
Itti gaafatamaan Qajeelcha Poolisii aanaa Booranaa Komaander Nigaatuu Taammenee sirni gaa'ilaa isaanii Amajji 14 bara 2011 A.L.Itti akka raawwate himanii akka aadaa naannichaatti guyyoota 10'f Caagulaa keessa turuun sirna misirrummaa guyyaa 10 isaanii raawwataniiru jedhan.
Sanaan boodas gara maatiitti makamanii maatii intalaa waliin jiraachuu akka jalqaban Komander Nigaatuun himan.
A.L.Ltti Gaafa Amajji 26 bara 2011 waayila ykn miinzee isaa waliin tahuun mana duuba taa'anii boombii harkaa F1 jedhamu osoo rurukutanii dhohuun battaluma lamaan isaanii akka ajjeese himan.
Komaanderichi mucaa tokko irras miidhaa salphaa akka dhaqqabsiise dabaluun himaniiru.
Dargaggoonni du'an lamaanuu umuriin isaanii jalqaba waggaa digdamootaa keessa akka jiran himanii sirni awwaalchaa isaaniis gaafa Amajji 27/2011 raawwateera jedhan.
Hidhattota mootummaa irraa kan hafe meeshaalee waraanaa bakka namni baay'ee jiru, lafa cidhaa, fi dhaabbilee amantaa fudhatanii akka hin deemne qajeelfamni dhorkus hawwaasni naannichaa garuu amaleeffannaa qabatee deemuu qaba jedhan komaander Nigaatuun.
Ilaalcha kana jijjiiruufis hojjechaa akka jiran himaniiru.
Boombiin dhohee aruuztichaa fi waayila isaa ajjeeses ofuma isaa aruuztichi karaa seeraan alaa dhoksee waan kaa'eef namni biraan itti gaafatamu akka hin jirre BBCtti himaniiru.
Sirna Misirrummaa [Caagulaa]
Akka ogeessi komunikeeshinii aanichaa jedhanitti, akka aadaa naannichaatti sirni misirrummaa ykn caagulaa guyyaa cidhaa irraa jalqabuun guyyota kudhaniif gurbaa fuudhe, haadha warraa ykn misirroo fi waayillan isaaf manni yeroof keessa turan qophaa'eefii achi keessatti kunuunfamanii turu.
Gaafa guyyaa 12ffaa ammoo sirni ''uffata miiccaa''jedhamu raawwachuun kennaa fi badhaasni erga kennameefii booda gara maatiitti makamu.
Miinzeewwan dubaraa ammoo guyyaa cidhaan booda gara mana mana isaaniitti deebi'u malee achi hin turan.














