Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaa fardaa qarqara galaanaa Leegos Naayjeeriyaatti hojii uummatan
Jiraattonni nannoolee daldalaa Leegos Naayjeeriyaa keessa jiraatan, waca magaalaa irraa fagaachuuf gara qarqara galaanaa deemu.
Bidiruurra ba'u, kubbaa miillaa taphachuufi qophii addaan of bohaarsu. Kan onnee qaban immoo gargaara abba fardaa qarqara galaanaatiin, farda gulufuuf kaffalu.
Quardi Raji, umurii 19, guyyaa hojiitti bilbila suphuu hojeeta, Sanbataafi Dilbata garuu qarqara galaanaa Aticanitti fardoota waliin hojjeta.
Yeroo harmeen isaa balaa irra ga'een booda millishee murame, mana baruumsa sadarkaa lammaffaa irraa baruumsa dhaabuuf dirqame.
Ammaa ishee kunuunsaa qarshii ga'aa kaawwatee qormaata xumuraa mana baruumsaaf qophaa'uu abdata.
"Barumsakoo itti fufuun barbaada, ammaaf garuu jirachuuf kanan gochuu danda'u kanuma," jedha.
Qarqara galaanaatti, Quadrin guyyaattii hanga doolara 28 ( Birrii 790) argata, hanga tokkoo garuu abbaa qabeenyaa fardichaaf kennuu qaba.
Fardiisaa Jaak jedhamu, ayyaana aadaa irratti farda shubbisu ta'ee hojjeta ture, Quadrin garuu qarqara galaanaatti akka hojjatuuf shaakalsiisaa jira.
Ta'uyyuu Jaak ammayyuu agarsiisa adda addaa ni hojjata.
Tunde Sanni (bitaarra kan jiru) , umurii 28, waggaa 13 oliif qarqara galaanaatti farda gulufaa ture. Ammammoo dura ta'aa Waldaa Abba Fardaa Atican ta'ee hojjeta.
Abbaafi haadhisaa bara 2008tti du'an, siibilaa tumuunis hojii ni hojjeta.
"Farda gulufuun hannarraa na dhorkeera," jedha.
Tunden bara 2010tti utuu gulufuu konkolaataan rukutamee fardarraa kufee erga miidhamee addasaa irraa godaannisa qaba.
Fardoota isaa sadan keessa tokko 'Sotne' kan jedhamu dha. 'Prince' fi 'Pale' kan jedhamanis qaba.
Lanre, 30, qarqara galaanaa irrattii fardoota waliin waggaa sadiif hojjeeteera.
Gabaa nannichaatti re'eefi 'turkey' horsiisuun gurguree jiraata. Sanbataafi Dilbata qarshii dabalataa argachuuf, fardasaa 'Spaghetti' jedhamu gara qarqara galaanaatti geessa.
"Haadha Warraafi ijoollee lamaa kanan bulchu qaba kanaaf maatiikoof qarshii dabalataa argachuufan as dhufa. Wa'ee gatii murtaa'aarra dhimma hin qabu."
Fardi Adebowale Dada, Jerry jedhamu farda dorgommii ture. Magaalaa Kano irraa waggaa darbe doolaara 700'n (Birrii 20,00)bitate
"Hojii kana qofan qaba. Haadha Warraakoo kununsee kaffaltii mana baruumsaa ijjoolleekoof qussachuun qaba" jedha.
Guluufuun qarshii doolara 1.40 hanga 2.80 ( 40- 80) nama kaffalchiisa. Maamiltoonni bira yeroo hunda abba fardaa tokkoo nii jiraata.
Favour Eric yeroo jalqabaaf farda gulufte. " Tiqqoo nama sodaachisuus, gochuukootti garuu gammadeera," jetti.
Abba Fardaa kunneen fakkeenya namoota dhaloota isaanii qarshii argachuuf hojii uummataniifi hojii qaban irratti galii dabalataa argachuuf yalaaniti.
Suuraan kan Grace Ekpu, BBC'ti.