Zimbaabweetti mormiin daballii gatii bobo'aarratti eegale lubbuu namaa gaaga'e

Mootummaan Zimbaabwee gatii boba'aa halkan tokkotti dachaan dabaluu mormuun hokkora dhalateen lubbuun namoota hedduu darbeera.

Mormitootni tarkanaafii kana balaaleffatan magaalota akka Haraaree fi Bulawayoo keessattitti hiriira bahanii kan turan yommuu ta'u dhibbaan kan lakkaawaman hidhamaniiru.

Daandiiwwan konkolaataa cufuuf hiriirtotni gommaa konkolaataa gubaa turan.

Pireezidnatiin biyyattii Emerseen Manaangaagwaan gatiin boba'aa dabaluun kan barbaachiseef hanqina boba'aa sababa itti fayyadama hangaan oliifi daldala seeraan alaa to'achuufi jedhaniiru.

Mootummaan biyyattii diinagdee akkaan laafe dammaqsuuf xaaraa jiru.

Qaalayinsi gatii dabalaa galiin lammiilee bakkuma jirutti hafuun yaaddoo itti ta'eera.

Ministirri nageenyaa Oween Nikuubee mormii dhalate kanaan lubbuun namaa darbuu mirkaneessaniis, lakkoofsa namoota du'anii garuu hin ibsine.

Angawaan kun hokkora dhalateef hooggantoota dhaaba mormituu fi garee mirga siyaasaaf morman komatanii, qorannoon gaggeefamaa jira jedhaniiru.

Biyyi Kibba Afrikaa kun hanqina doolaara Ameerikaa hammaataa qabdi, maallaqni biyyattii qixxee doolaara Ameerikaa tokkoo tures amma gadi bu'ee jira.

Kaampaniiwwan biyyattiis hanga fedha gabaa biyyattii guutuu dandaa'u omishaa hin jiran jedhamuun komatamaa jiru.

Magaalaa guddoo biyyattii Haraaree keessatti manneen daldalaa hedduun waamicha daldaltootni fi mormitootni daballii gatii boba'aa mormuun lagannaa guyyaa 3'f waaman fudhachuun cufaa jiru.

Sanbata darbe, Preezideent Manaangaagwaan mootummaan namoota carraa kanatti fayyadamuun biyyittii keessatti hokkoraa uumuufi ispoonsar gochuuf yaalan irratti tarkaanfii fudhata jedhaniiru.