Joorji HW Buush iccitiin daa'ima Filippiinoo gargaaraa turan

Dhaabbanni tola ooltummaa tokko pireezidantiin duraanii Ameerikaa Joorji HW Buush iccitiin ganna 10'f daa'ima lammii Filippiins gargaaraa akka turan hime.

Buush maqaa Joorji Wookar jedhamuun baasii barnootaafi nyaata daa'ima kanaa ganna 10'f kaffalaa turan.

Deeggarsaan alatti walitti fufiinsaan xalayaa barreessuun gorsaas turani.

Yeroos daa'ima ganna 7 kan ta'e Tiimootiin hanga ganna 17 guutee sagantaa deeggarsaa kana jalaa bahuutti eenyummaa nama isa gargaaruu quba hin qabu ture jedha dhaabbati tola oolaa 'Compassion International'.

Dhabbanni kun xalayaa Buush mucaa kanaaf barreessaa ture muraasa gaazexaa to the Colorado Springs Gazette jedhamuu fi gaaffii fi deebii CNN waliin taasise irratti baaseera.

Pirezidaantiin Ameerikaa 41ffaa Bush umurii waggaa 94'n sadaasa darbe ture kan boqotan.

Bara 2002 xalayaa jalqabaa yeroo daa'ima kanaaf barreessan akkas jedhanii jalqaban.

Si haa gahu Ximootii! Michuu kobbee ykn michuu barreessaa xalayaa siif ahuun barbaada, jedhe Buush maqaa isaa jalqabaa fi sadaffaa fayyadamuun.

Ani manguddoo waggaa 77ti. Garuu ijoollee nan jaaladha; yoo ijaan wal arguu baanne iyyuu sin jaaladha jechuun barreesseef.

Teksaas keessan jiraadha. Ammaa jalqabee yeroodhaa gara yerootti xalayaan siif barreessa, carraa gaarii jedheeni.

'Waa'ee Waayit Haawus dhageessee beektaa?'

Kompaashin Internaashinaal dhaabbata gargaarsaa Kiristaanaa ijoollota hiyyumaa keessa jiran deeggarudha.

Buushis ayyaana Qillee bara 2001 Waashingitanitti kabajame irratti ture waa'ee deeggarsa daa'ima kana kan hubate.

Jalqaba pirezidaantii Ameerikaa duraanii waliin hariiroo qaba jedhamuun miidhaan irra gahuu danda'a jedhamuun eenyu irraa akka tahe icciitii gochuu barbaade.

Haa tahu malee xalayaalee isaa keessatti Buush yaada agarsiiftuu tokko tokko kaasuu hin dhiisne jedhe pirezidaantiin dhaabbatichaa duraanii xalayoota kanneen adda baase Wees Istaafoordi.

Buush xalayaa isaa tokko keessatti, ''Ximootii waa'ee Waayit Haawus dhageessee beektaa?'' jedhee gaafate.

Bakka pirezidaantotni USA jiraatanidha. Ayyaana Qillee irratti deemeen ture. Kun barruun Waayit Haawus keessaa argadhedha, jechuun barreessef.

Haadha warraa Buush Laawuraa dabalatee namni waa'ee xalayaa kanaa beeku maatii isaanii keessa hin turre.

Bara 2008 afeerraa irbaataa irratti Ture Istaanfoordi ilma Buush, pirezedaantii USA kan ture Joorji Buush arguun waa'ee deeggarsa abbaan isaa gochaa turee kan itti hime.

Haati warraa Buush, Laawuraan ni boosse jedhe. Joorji Buush ammoo takka callisee xalayicha ilaalee 'eeyyee kun abbaa koo fakkaata' jedhe.

Buush xalayaalee kanneen waliin kennaa garaagaraas ergaafii tureera. Ximootinisdeeggarsa isaaf godhuun deebisee xalayaa barreessaafii ture.

Xalaayaan Ximootii tokko 'galatoomi ati ana hin daganne,'' jetti. Ximootiin dhaabbatichi ergasii na qunnamuu baatus gorsi inni naaf kennaa ture kan jireenya koo jijjiiredha jedhe.

Istaanfoordi namni cimaan adunyaa keenyaa tokko bifa kanaan daa'ima hiyyeessa akkasiif qaqqabuun isaa na rajeffachiisa jedhe.

Itti dabaluun Buush hojiiwwan gaarii namootni hin beeknee fi hin odeessineef hedduu qabaachuu danda'a jedhe.

Waan gaarii hojjechuun ofumaafi jedhama mitiire.