Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Moozaambiik: Hojjettoota mootummaa 30,000 tolaan miindaa nyaatan bira geesse
Mootummaan Moozaambiik hojjettoonni 30,000 tolaan miindaa nyaachuu bira gaheera jedhe.
Ministeerri Dhimma Hojjettota biyyattii namoota hojii hin hojjenne, kan qaamaan hin jirreefi kan du'aniifillee mindaan kaffalamaa ture jedheera.
Kanaanis biyyattiin bara 2015-2017tti kasaaraan doolaara miiliyoona 250 irra gaheera jedhan Ministirri Dhimma Hojjettootaa Kaarmeelitaa Namaashulaa.
Biyya hiyyeettii addunyaa kanaa keessatti malaamaltummaan ammayyuu rakkoo guddaa dha jedhan.
Mootummaan miindaa kaffaluuf namooti qaamaan akka argaman gochuufi dhugumaan namoota qaamaan hojii hojjetan tahuu mirkaneessuu qabu jedheera.
Namni qaamaan yoo hin argamne mindaa akka hin argannes himeera.
Qorannoon dhimma kana ifa baasee waggoota lamaaf namoota 348,000 irratti adeemsifame.
Jalqaba waggaa kanaa irratti baasii harka 55 gibira irraa mindaaf kaffalamu to'achuuf karoora baasuu himeera.