Namichi ilmoon leencaa konkolaataa keessatti qabatee deemaa ture Paarisitti qabame

Qondaaltonni poolisii magaalaa Paaris to'ataa turan bakka 'Champs-Élysées' jedhamutti ilmoon leencaa konkolaataa gatii guddaan bitamtu keessatti argamu dhagahan.

Konkolaataa gosa Laamborgiinii jedhamu yeroo dhaabsisanitti konkolaachisaan ilmoo bineensaa waliin yeroo suura ka'u poolisiin bira gahe.

Nami maqaan hin dhahamne, umurii isaa ganna 33 ''lakkisaa adurreedha'' jedhee poolisoota mormuun goyyoomsuu yaalus, boodarra hidhaa seeneera.

Leenci dhaltuu erga dhalattee ji'a lamaafi walakkaa taateefi maqaa ''Putin'' jedhamu qabdu kuni dhaabbata tola oolaa bineensotaaf kunuunsa taasisu "30 Millions d'Amis" jedhamutti kennamteetti.

Ji'a darbes ilmoon leencaa biraa mana jireenyaa Paaris keessatti argamee ture.