Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
BBC damee Naayiroobii: Biiroo guddicha UKn alatti ijaarame
BBCn biiroosaa guddicha Uk'dhaan alatti Keenyaa magaalaa Naayiroobii keessatti banate.
Gaazexeessitoota BBCn Afriikaa keessaa qabu 600 keessaa 300tti kan siiqan biiroo kana keessa buufatani hojjetu.
''Hojiin keenya inni ijoon gaazexeessitoota Afriikaa ogummaadhaan ga'oomsuun sadarkaa addunyaatti akka guddatan gochuudha'' jedhan Daarektarri BBC ,Damee Oduu Francesca Unsworth.
Hojii biiroo babal'isuu kanaaf mootummaan UK maallaqa doolaara Ameerkaa 376 ramadeera.
Meeshaaleen tajaajila miidiyaa biiroo kana keessatti argaman istuudiyoo TV, iddoowwan tamsaasa kallattii lama ,istuudiyoo raadiyo lama, kutaa waraabbii fi gulaallii sagalee raadiyoolamaa fi kan TV shanidha.
Jalqaba bara kanaarratti biiroo guddaan kan biraan magaalaa daldalaa Naayijeeriyaa Leegoos keessatti banameera. Biiroo kana keessattis Afaan saditu tajaajila kennu, ammoo kan biraa tajaajila Afaan Firaansiin Senegaal magaalaa Daakaar keessatti hojiin biiroo babal'isu hojjetamaa jira.
BBCn yeroo jalqabaaf biiroosaa Naayiroobiitti kan banate bara 1998. Yeroo ammaa Afaanota Afriikaa 12 fi Afaan Ingilizitiin tajaajila kennaara.
''Har'a hojii gaazexeessitoota Afriikaa, isaan guca ogummaa gaazexeessummaa fuulduratti ibsaa jiranii kabajaa jirra'' jedhan Hooggantuun BBC kan Afaanota Afriikaa, Damee Bahaa Rachael Akidi Okwir.
Naayiroobiitti Afaanota dabarsan:
- Afaan Oromoo: Afaan saba guddaa Itoophiyaa
- Amharic: Afaan hojii mootummaa Federaalaa Itoophiyaa
- Tigrinya: Afaan hojii mootummaa Eertiraa, Itoophiyaa keessattis ni dubbatama.
Leegoositti Afaanota dabarsan:
- Igbo: Afaan hojii mootummaa Naayijeeriyaa. Ikkuwaatooriyaal Giinii keessattis ni dubbatama.
- Yoruba: Naayijeeriyaa gama kibba lixaa fi Dhiha Afriikaa keessatti, keessattuu Beeniinii fi Toogoo keessatti hanga tokko ni dubbatama.
- Pidgin: Gariin Afaan Ingilizii kan fakkaatu Kibba Naayijeeriyaa , Gaanaa, Kaameeruun, fi Ikkuwaatooriyaal Giinii keessatti bal'inaan dubbatama.
Eebbi biiroo haaraa Naayiroobii kun guyyaa jalqabbii sagantaa TV haaraa 'Money Daily' jedhamu waliin walirra bu'e.
Sagantaawwan biiroo naayiroobiirraa darban keessaa tokko 'Money Daily' dha.
Sagantaawwan haaraa keessaa, sagantaan dhimmoota dhoksaa sakatta'ee hojjetu 'Africa Eye' kan jedhamu , jijjiirama guddaa fiduu eegaleera.
Waancaa Addunyaa bara 2018 irratti taphachiistota malaammaltummaan keessa seenan saaxiluun Konfedereeshiniin garee Kubbaa Miillaa Afriikaa aanga'oota Keenyaa sakatta'ee akka qoqqobbii irra kaa'u taasiseera.
Fulbaana keessa sagantaan 'Africa Eye' kan loltoota Kaameerun dubartoota lamaa fi daa'imman laman qalan ifatti baasee, viidiyoon waraabamee ture bal'inaan miidiyaa hawaasummaarratti qooddatameera.