Haleellaa Kiristaanota Kooptiik: Poolisiin Masirii hidhattoota 19 ajjeese

Hidhattoonni amantaa Islaamaa maqaa dhahatanii Kiristiyaanota irratti haleellaa raawwachuun himataman 19 poolisii biyyattiin ajjeefamaniiru jedhe Ministeerri dhimma biyya keessaa Masirii.

Hidhattooni kunneen kan ajjeefaman gammoojjii lixa kutaa biyyaa Miinyaa jedhamuu keessatti wayita poolisiin shororkeessitoota adamsuu akka ta'es ibsi Ministeericha ni hima.

Jimaata darbe Kiristiyaanonni Kooptiik 7 gadaamii achuma kutaa biyyaa Minyaa keessatti argamu dhiyootti atobisii keessatti ajjeefaman.

Gartuun 'Islamic State' ykn IS ofiin jedhu haleella kana akka raawwate himeera.

Kun haleellaa walitti fufinsaan Kiristiyaanota Kooptiik Masirii lakkoofsaan bicuu ta'an irratti rawwatame keessaa kan teellanaati.

Akka ministeerri dhimmoota biyya keessaa Masirii jedhutti, yoom akka ta'e ifatti himuu dhabus humnoonni nageenyaa biyyattii garee shororkeessitootaa adamsaa turan waliin walitti dhukaasanii ture.

Ministeerichi suuraalee reeffaa hidhattootaafi daasii keessa dhokatanii turan jedhamees maxxansanii jiru. Qawwee, rasaasawwan fi barreeffamni olola IS mul'isan reeffa namoota ajjeefamanii kana cinaatti mul'ateera.

Namoota 7 Jimaata ajjeefamaniif sirna awwaalaa Sambata raawwatee ture, achirratti namootni hedduun aarii ibsataa turan.

"Shororkeessitoonni kunneen maal nurraa barbaadu? Musliimota akka jibbinu fedhuu?" jedha haleellaa kanaan ollaa isaa kan dhabe Maayikil.

Haleellaan wal fakkaataan kan irratti raawwatu Kiristiyaanotni Kooptiik Masirii haleellaa akkasii irraa isaan tiksuu dhabuuf aangaa'oota mootummaa Masirii komatu.

Afaan qofaan dubbatu malee gochaan homaa nuuf hin goone jedhuun.

Caamsaa bara 2017 bakkuma amma namoonni 7 itti ajjeefaman kanatti namoonni 28 ajjeefamanii turan

Kiristiyaanotni Kooptiik eenyu isaan?

Waldaan Ortodoksii Kooptiik waldaa kiristiyaanaa ishee jabduu Masirii keessa jirtu. Waldaan kun Masirii keessa jiraattullee, biyyattiin ala hordoftoota miliyoonotaan lakkaa'aman qabdi.

Amantaan isaanii dhaloota Kiristoos waggaa 50 booda, wayita ergamaan Maarqoos gara Masirii dhufe akka eegale himu hordoftoonni amantaa kanaa.

Waldaan kun waa'ee waaqummaafi namummaa Iyyasuus Kiristoos irratti waldhabdee uumameen bara 451 waldaa kiristiyaanaa guddicha jalaa bahuutu himama.

Waldaa kana kan hogganan Phaaphaas Tawadiroo 2ffaa, baatii darbee keessaa fuula 'Facebook' isaanii cufuun marsaa hawaasaa irraa of fageessuu himanii turan.