Dargaggessi lammii Firaans bariistuusaatti qawwee sobaa aggaame himatame

Barataan lammii Firaans barsiistuu isaatti qawwee sobaa aggaame miira nama haleeluufi jeequmsaa kakaasuun himannaan irratti dhiyaachuusaa abbaan alangaa Kaariteel Dilbata darbe dubbateera.

Taate kana Kamisa darbe waraabee kan miidiyaa hawaasummaa irratti fe'ee barataa kutaa sanaati.

Himatamaan waggaa 15 kun ''qoosaan ture, akkan waraabamus hin barre ture" jechuusaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.

Baratichis gaafuma kana abbaasaa wajjiin gara buufata poolisiitti kan deeme.

Viidiyoo irratti yeroo inni barsiistuusaatiin galmee irratti 'jira' jedhii naa qabi jedhee itti iyyu agarsiisa. Barsiistuun kompitarashee akka qabatteen hojiishee itti fufti.

Barataan kun barfatee kutaa deemee 'haftee' jedhamee galmeeffamuusaatti aare ture jedha gabaasni gaazexaa biyyattii Paarsiyaan jedhamu.

Miinistirrii hajaa biyya keessaa biyyattii Kiriistoofeera Kaastnar gochicha balaaleeffataniiru.

Piirezidantiin Firaans Emaanu'eel Maakiroon '' waan fudhatama hin qabne jechuun'' fuula tiwiitarii isaanii irratti barreessaniiru.

Mana barumsichatti torbee dhufuu qabee akkatti haleellaa manneen barnootaa naannichaa keessa jiran dhaaban irratti mariin ni adeemsifama jedhameera.