Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Haala qilleensaa addunyaaf attamiin gumaachuu dandeessu?
"Amma hojjedhaa ykn badiinsa hamaa eegaa!"
Kun dhimma ho'iinsa qillensaa addunyaa dabalaa jiru irratti akeekkachiisa saayintistoota haalaa qilleensaa addunyaa dursan irraa dhufedha.
Qorannoon kora geeddarumsa qilleensa biyyoota mootummoota gamtoomanii (IPCC) waggoota 12 keessatti ho'iinsi addunyaa diigirii seentigireedi 1.5 dabalaa deemuu ibsa.
Kun immoo haalawwan qilleensaa hammatoo kan akka hongee, ibidda saafaa, lolaa akkasumas immoo namoota miiliyoonaan lakkaa'amaniif hanqinni nyaata akka uumamu taasisa.
Gargaaruuf maal goochuu dandeessu?
Barreesaafi qindeessaan dursaa gabaasichaa Aromaar Revii, Gochaaleen beekamaniifi salphaatti dalagamuu danda'an hedduutu jiru jedha.
Lammilee fi fayyadamtootni, jijjiirama haalaa qilleensa 1.5C'niin dabalaa jiru saffisisuu keessatti taatota ol'aanoodha.
Guyya guyyaan isin jijjiramicha fiduuf kan gochuu dandeessan:
1. Geejiba uummataa fayyadamaa
Konkoolataa oofuurra deemsa miillaa ykn Saayikilii ykn immoo geejjiba uummataa fayyadamuun hamma kaarbonii qilleensatti makamuu xiqqeessuu danda'a.
''Akkaataa itti magaalaa keessa sochoonuu filachuu dandeenya. Yoo geejjiba uummataa hin qabnu ta'e- namoota siyaasaa dhimmaa geejjiba uummataa irratti filannoo laataan filachaa akka jirtan hubadhaa." jetti hoggantoota IPCC keessa tokko kan taate Dr Deebraa Roobertis
Dirqamaa yoo ta'e konkolaataa elektirikii fayyadamaa, imaloota keessaniif immoo xiyyaararra baabura filadhaa.
2. Aannisa qusadhaa
Cabbeessuuf teempireechara olaanaa, ho'isuuf immoo teempireechara gadaanaa fayyadamaa.
Yeroo hin fayyadamnetti meeshalee keessan dhaamsaati humna isaa irraa buqqisaa .
Isaan kunneen jijjiramoota xixiqqoo fakkaachuu malanis, aannisaa qusachuuf qaru maloota bu'aa guddaa qabanidha.
Madda aannisaa kan akka soolarii fayyadamuu filachuu dandeessu.
3. Foon nyaachuu hir'isaa ykn tasumaan dhaabaa
Oomishni foon diimaa, oomisha foon lukkuu, kuduraafi fuduraa caalaa aannisa hedduu maddisiisa.
Yaa'ii haalaa qilleensaa Paaris irratti biyyooti 119 madda annisaa qonnaa hir'isuuf waadaa galaaniiru.
Akkamiin akka gochuuf yaadan irratti garuu wanti argamu hin jiru. Isin garuu gargaaruu dandeessu.
Foon hir'isaatii kuduraafi fuduraa baay'inaan nyaadhaa.
Yoo isinitti cimee torbeetti guyyaa foon itti hin nyaanne tokkolle qabaadhaa.
4. Irra deebiin haaressuun fayyadamaa...bishaanillee
Bu'aa irraa deebisaanii fayyadamuu yeroo hedduu dhageenyeerra.
"Bishaan qussachuufi irra deebinee fayyadamuu akkasumas bishaan roobaa qeensuun fayyadamuu qabna." jedha Aroomar Revii
5. Namoota biroo beeksisaa, barsiisaa
Waa'ee jijjirama qilleensaa labsa, namootas barsiisaa.
Namoota biroo waliin qindaa'uun haalaa jireenyaa hawaasaaitti fufinsa qabu ijaaraa.
"jijjiramootni kunneen guyyaa guyyaan namoota biliyoonaan lakka'aamanii yeroo dalagamu, miidhaa fayyaa malee guddina itti fufiinsa qabu uumuu danda'a." jedha Aroomaar Revii.