Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Muslimoonni Indiyaa gaa'ila hatattamaan hiikan ni adabamu fi odeessaalee biroo
Itoophiyaa Addi bilisa baasaa Ogadeen motummaa Itophiyaa waliin mari'achuuf walii gale. Dubbii himaan dhaabichaa obbo Abdul Qaadir Adane Hirmoge akka BBCti himanitti dhimmoota torba irratti waliin dubbachuuf walii haa galan iyyuu malee yaada foxxoquuf qaban waan ummanni Somaalee murteessu malee kan mariif dhiyaatu miti jedhaniiru.
Koriyaa Kibbaa
Maree Piyongiyang keessaatti adeemsifame irratti Koriyaan kaabaa wirtuuwwaan qorannoo misaayeelii jajjaboo qaban cufuuf waligalaniiru. Pireesdaantii Koriyaa Kibbaa Muun Jaay'un murtee kana "Yeroo jalqabaaf Koriiyaan Kaabaafi Kibbaa karoora meeshaa nukileera dhabamsiisu irratti waligalaniiru. Kun bu'aa hiika guddaa qabudha."
"Dabalataaniis immoo koriyaaan kaabaa bakkaa yaalii misaa'elaa Tong chang-ri lafa beektoonni biyyoota barbaachisoo itti argamanitti barbadeessuuf murteessiteetti," jechuun beeksisaniiru
Indiyaa
Kaabineen Indiyaa shaakalliin gaa'ela attatamaan hiikuu musliimoota biratti 'Triple Talaq' jedhamuun beekamu gochaa addabbii qabatu ta'a jechuun murteesseera. Shaakkallii kun dhiroonni musliimaa jecha 'talaq' jedhu si'a sadii jechuun hadhaa warraa isaanii salphaatti akka hiikaniif mirga kan laatudha.
Magalaa guddittii Indiyaa keessatti namichii obboleetti isaa waggaa lamaaf mana ittii cufee dararaa ture to'annoo jala ooleera. Namni kun dubartii waggaa 50 kana kan beellessaa ture yeroo ta'u, heedduu huqqachuu irraan kan ka'ee deemu, dubbachuufi, nama illee addaan baasu akka isheen hin dandeenyee angaa'oonni dubbataniiru
Biriteen
Yuniversitii Biristool Biriteen keessaati waggaa 12'f qulqulleessaa ta'e nama hojeechaa tureef barattoonni qarshii pawondii 1500 walitti qabuun waggaa kudhan booda maatii isaa Jamaayikaa jiraatan akka daawwatu gargaaraniiru. Heerman Gordaniifi haadha warra isaa Diniisiif barattoonni gara 230 ta'an qarshii gummaachuun daawwannaa kana milkeessaniru.
Paakistaan
Manni murtii Pakistaan murtee hidhaa waggaa kudhanii erga jalqabee ji'a lama booda Ministirri Muummee duraa Nawaaz Sharif akka gad lakkifamu ajajeera. Murteen kun kan taasifame haati warra Sharif, Kulsoom Nawaaz Landanitti dhukuba kaansariin erga duutee torbe tokko booda.