Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qondaalli gameeyyii Tiraamp murtee Tiraamp 'gufachiisuuf' hojjetaa jiraachuu himan
Miseensonni bulchiinsa Tiraamp biyyattin 'daandiirraa akka hinmaqne'' gochuuf murtee pirezidantii Yunaayitid Isteet gufachiisuuf hojjetaa akka jiran qondaalli olaanaa bulchiinsa Tiraamp himan.
Pirezidantiin biyyatti bitaa mirga osoo hin ilaaliin murteessaa jiru jechuun qondaalli kuni fuula editoriyaalii gaazexaa 'New York Times' jedhamurratti barreessaniiru.
Maqaan qondaala kanaas ta'e koorniyaan isaanii dhokateera.
Obbo Tiraamp garuu qondaala kana barreessan ''dabooroo'' yeroo jedhan gaazexicha immoo ''sobduu'' jedhaniiru.
Gaazexaan barreeffama kana baase immoo waan bulchiinsa Tiraamp keessa adeemaa jiru waan agarsiisuuf maxxansuu keenyatti gammachuu qabna jedheera.
Dubbii himtuun isaanii illee barreessichi ''dabeessa'' hojii gad-lakkisu qabudha jedhaniiru.
Barreeffamni kun kan bahe erga kitaabni gaazexessaa Bob Wuudwaards qondaaltonni gameeyyii Tiraamp biyya baraaruuf ''fonqolcha bulchiinsaa'' keessa qooda fudhachaa jiraachuu erga himeen booda.
Dokimantii pirezidantichi mallatteessuu qaban teessuma irra kaasuun akka hin mallatteessine taasisaa jiraachu hima.
Kunis, fonqolchi dhugaa akka ta'e ragaa jalqabaa ta'eera.