Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Balaan konkolaataa naannoo Amaaraa lubbuu 16 galaafate
Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa, Magaalaa Caacaa keessatti balaa konkolaataa mudateen namoonni 16 du'an.
Naannoo sa'aatii ja'aatti kan mudate balaan konkolaataa kun, konkolaataa ummataa fe'ee deemuu fi konkolaataan fee'umsaa 'Siinoo Tiraak' jedhamu walitti bu'uudhaan kan uumameedha.
Balaa kanaan lubbuun namoota 12 battalatti wayita darbu, kanneen biroon afran balaa cimaan irra ga'ee gara Hospitaala Riiferaalaa Dabra Birhaan geeffamanii utuu tajaajilli wal'aansaa taasifamaafii jiruu lubbuunsaanii darbeera jedhan Itti Gaafatamaan Waajjira Poolisii Aanaa Angolalaa fi Xarraa Inispektar Daagim.
Namoonni midhaman 11 ammoo Hospitaala Riifaraalaa Dabra Birhaanitti yaalamaa jiru jedhan.
Konkolaataan balaa geessise Finfineerraa gara Dabra Birhaan imalaa ture. Kan kallattii faallaan itti dhufee damace ammoo Dabra Birhaanirraa gara Finfinnee imalaa ture.
Maddi balaa kanaa maal akka ta'ee fi konkolaataa sana keessa namoonni meeqa akka turan hanga ammaatti wanti beekame hin jiru jedhan Ispektarri kun.
Imaltoota keessaa daa'imman afur miidhaan otoo irra hin ga'in fayyaa ba'aniiru.