Qondaaltotni Itoophiyaa Asmaraatti Imbaasii Itoophiyaa daawwatan

Qondaaltotni olaanoon Eembasii Itoophiyaa hojii eegaluuf jiru wayita daawwatan

Madda suuraa, Workine Gebeyehu

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltotni olaanoon Itoophiyaa Eertiraatti Eembasii Itoophiyaa hojii eegaluuf jiru daawwatan

Obbo Lammaa Magarsaa fi Dr Warqinaa Gabayyoo Imbaasii Itoophiyaa Asmaraatti banamuuf jiru daawwatan.

Pirezidaantiin MMO Obbo Lammaa Magarsaafi Ministirri hajaa alaa Dr Warqinah Gabayyoo turtii saanii Asmaraatiin Imbaasii Itoophiyaan Eertiraatti saaquuf jiru dowwaataniiru.

Obbo Lammaa fi Dr Warqinaan dowwannaa kana kan taasisan wayita hayyoota ABO waliin marii'achuuf gara Asimaraatti qajeelan ture.

Sirna dowwannaa kana irrattis Ministiirri hajaa alaa Eertiraa Osamaan Saayilee dabalatee qondaaltoonni biyyatti kan biraas irratti hirmaachusaanii Faanaan gabaaseera.

Dowwannaa kanaan alattis Dr Warqinaa fi Obbo Lammaan waa'ee walitti dhufeenya biyyoota lamaanii ilaalchisuun Pirezidaanti Isaayaas Afawarqii waliin marii'ataniiru.

Waliigaltee michummaa fi nageenyaa ministirri Mummee Itoophiyaa fi Pirezidaantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqii mallatteessan keessatti imbaasii biyyoota lamaanii deebiisanii saaquun ni argama.

Kanuumaan walqabatees tibba Pirezidaantiin Eertiraa Isaayaas Afawarqii Itoophiyaa dowwatanitti Imbaasiin Eertiraa deebii'e saaqameera.

Akkasumas Eertiraan Ambaasaadara haaraa Itoophiyaatti kan ramadde yoo ta'u, akkasuma Itoophiyaanis Imbaasii Asmaraatti saaquuf qophii taasisaan jiraa jechuun ambaasaadara haaraa ramaduunshee ni yaadatama.

Haaluma kanaan walqabateen Ministirri hajaa alaa Dr Warqinaha Gabayyoo fi Pirezidaantiin MNO obboo Lammaa Magarsaa imbaasii biyyattii Eertiraa Asimaraatti banamu har'a kan dowwatan.