Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Keeniyaatti tarkaanfii hanna irratti fudhatame mormuun barattoonni mana barumsaa torba guban
Tarkaanfiin hanna qormaataa ji'a sadan dhufu kennamuuf jiru hambisuuf fudhatamee mormuudhaan barattoonni manneen barumsaa bultii torba gubuusaanii ministirri barnootaa Keeniyaa Amiinaa Mohaammad himan.
Mana barumsaa tokkotti barattoonni daayirektara hannaaf haala akka mijeessuuf gaafataniirus jedhaniiru.
Poolisiin dubbii tasgabbeessuuf jecha barattoota 125 to'annoo jala oolcheera.
Barattooni sadiis himataniiru jedhan Aadde Amiinaan.
Mana barumsaa dhiirotaa Chulaayimboo dhiha Kisumuutti argamu gubuun kanneen himatan keessaa barattoonni shan wabiin gadhiifamaniiru.
''Manneetii barumsaa bultii hundi barsiisota torbee dachaan akka dabalaniifi to'annoo halkanii irratti xiyyeeffannoo akka kennan gaafataniiru,'' Ministirri barnootaa Keeniyaa Amiinaa Mohammaed.