Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feestivaalli biskileetii Ertiraa jeequmsaan danqame
Poolisiin biyyattii jeequmsa badaa festivaala biskileetii magaalaa Maanchister keessatti lammiilee Eertiraatiin qophaayee ture irratti qaqqabe balaaleffateera.
Sababa jeequmsa kanaan namoonnni sagal yoo miidhaman, namooni saddeet to'annoo poolisii jala oolaniiru.
Mormiitoonni 30 ta'an qophii lammiileen Eertiraa Istaadiyoomii Teemsaayiditti Sanbata darbe qopheeffatan irratti qaruuraa, nyaata garaagaraa fi barmela biiraa darbachuun jeeqaniiru.
Qopheessitoonni sagantichaa, daa'imman jeequmsa dhalateen rifatanii rakkoo keessa galuu dubbataniiru.
Dargaggeeyyiin sababa jeequmsaa ta'an kun mootummaa Eertiraa mormuu isaaniiti jedhamee yaadama.
Feestivaalli Saaykilii Eertiraa namoota dhibbaan lakkaawwaman kan daawwatan yoo ta'u walatajjii itti shubbisaa fi sirbaa namoonni Olompiika bara 1964 fi 1960 irratti dorgomanii turan irratti hirmaataniidha.
Qindeessaa sagantichaa kan ta'e Gooytoom Siyyuum ''walatajjiin kun Siyaasa waliin waan walqabatu miti- kun sagantaa biskileetii Eertiraa itti kabajnudha'' jedha.
'Miira gaddaa'
''Asitti shaampiyoonota Afrikaa qabna, namoota hirmaannaa Olompiikaa qaban. Jalqabarratti mormii naga qabeessa ture, boodas qaruurraawwan, nyaataafi barmeela biiraa darbachuu eegalan.
''Saalfachiisaadha- daa'immaan qabduu daa'imaa keessaa turaniifi namoonni qaamni isaanii muramee dhiigan turan.
''Kun Feestivaala ture garuu miira gaddaan adda baane. Daa'imman rakkoo keessa galaniiru jeeqxota kanaan.''
Namoonni to'annoo poolisii jala oolan kun tasgabbii haawaasaa jeequu jedhamuun qabaman.
Dubbii himaan Kuurz Aashtoon poolisiin qorannoo geggeessaa kan jiru ta'uu himuun 'ammatti yaada kenninu hin qabnu' jedhaniiru.