Yaadannoon imalaa seenaa Ayinsitaayin irratti barraa'e sanyii qoodaa turuusaa mul'ise

Albert Ayinistaayin gabatee gurraacharratti wayita barreessu

Madda suuraa, AFP/Getty

Ibsa waa'ee suuraa, Albert Ayinistaayin bara 1920oota keessa wayita gara Biyyoota Baha Fagoo imaletti seenaa dhuunfaasaa kan guyyaa guyyaa barreessee darbeera

Yaadannoo haaraa maxxanfame kan seenaa guyyaa guyyaa Albert Ayinistaayin irratti barreeffame namichi sanyii qoodaa akka turee fi ilaacha jibbiinsa saboota biroo qabaachaa turuusaa mul'iseera.

Ji'a onkollessaa bara 1922 hanga ji'a bitootessaa 1923 gidduutti kan barreeffame seenaan kun, imala inni gara biyyoota Eeshiyaa fi Baha Giddu Galeessaatti taasiserratti hojii guyyuu inni hojjechaa turerratti kan xiyyeeffateedha.

Kitaaba kana keessatti yaadonni barreeffaman Albert Ayinistaayin imala isaa keessatti utuu addaan hin baasin hundumaa kan tuqaa turee fi walitti qabaan nama arrabsaa akka ture, keessumaa jechoota akka 'dhoqqee', 'doofaa' jehan fayyadamuun Chaayinoota arrabsaa turuunsaa ibsameera.

Ayinistaayin mataansaa boodarra Ameerkaa keessatti waa'ee eegamuu mirga namoomaa leellisaa ture, sanyiidhaan nama qooduun'' dhukkuba jabaa warra adiiti'' jechaa ture.

Seenaan guyyaa guyyaa nama tokkoo wayita of danda'e akka kitaaba tokkootti Afaan ingiliziitiin maxxanfamu kun isa jalqabaati.

Mata duree''Seenaa guyyaa guyyaa Albert Ayinistaayin: Baha Fagoo, Paalastaayin fi Ispeen, 1922-1923'' jedhuun kan barreeffame kitaabni kun Yuunivarsitii Kaalifoorniyaatti Daarektara Inistitiyuutii Teekinooloojii kan pirojektii Ayinistaayin irratti hojjetuu kan ta'an Ze'ev Rosenkranz'n gulaalamee, Princeton University Press dhaabbata jedhamuun maxxanfamee ba'e.