Firaans mannen barumsaa keessatti moobaayilii fayyadamuu dhorkuufi

Moobaayilii

Madda suuraa, Getty Images

Manni Maree seera baastuu Firaans wixinee seeraa mobaayilii mana barumsaa keessatti fayyadamuu dhawwu raggaasise.

Mootummaan seerri haaraa kun akka barattoonni qalbii isaanii guutummaatti barnootarra taasifatan gargaara jedhe.

Dabalataanis wixineen kun" (cyber bullying) midhaa guyyaa guyyaan barattootarra ga'uu danda'us ni hambisa jedhamee eegama.

Kana qofaa osoo hin taane, barattoota sadarkaa tokkoffaa keessa jiran fiilmii saal-qunnamtii mobaayiliirraa dhoksanii akka hin ilaallee dhorka jedhamees abdatamaa jira.

Namoonni seera kana qeeqan garuu hojiirrra oolmaasaa ni shakku.

"Callisaniidhuma fakkeessuuf malee qabatamaan hojiidhaan akka hin mullanne ni beekna," jedhu.

Wixiineen ammaa kun yeroo darbe Pirezedaantiin biyyattii Maakiroon yeroo duula na filadhaa gaggeessaa turanitti hojiirra oolchuudhaaf kan waadaa galanidha.

Wixineen kun sagalee guutuun deeggaramee gara mana maree seera baastotaatti ergameera.

Seerri kun yoo hojiirra oole barattoonni umuriin isaanii waggaa 15 gadi ta'an mana barumsaa keessatti mobaayilii akka hin fayyadamne dhowwa.

Ministirri Barnootaa biyyattii Jeen Miisheel wixinichi: "Kan jaarraa 21ffaaf gita ta'udha" jechuun jajaniiru.

"Tekinooloojiidhaaf banaa ta'uu jechuun waan hunda fudhachuu jechuu miti" jechuudhaan bakka bu'oota uummataa Faransaayiif ibsaniiru.

Saatii dhumaarratti wixinee kanatti kan dabalame, saatii barnootaatti barsiisonnillee akka bilbila hin fayyadamnedha.

Durumaanuu manneen barnootaa Faransaay keessa jiran kuma 51 keessaa walakkaan isaanii mana barumsaa keessatti bilbila fayyadamuu ni dhowwu.

Manneen barnootaa sagdarkaa giddu galeessaa kuma 7 ta'anis mana barumsaa keessatti mobaayilii fayyadamuu hin eyyaman.

Wixineen kun yoo seera ta'ee ba'e bara barnootaa haaraatti hojiirra oola jedhamee eegama.

Qorannoo bara 2016 keessa gaggeeffame akka mullisutti barattoonni umuriin isaanii waggaa 12 hanga 17 ta'an barattoota 10 keessaa saddetan isaanii saatii barnootaatti bilbila isaanii qoroqoru/tuxxuqu.