Qubsuma Koo 35: ''Naamuusa jireenyaa, safuufi walkabaja biyya keenyaa sanan baay'een yaada''

Gammachuu Abbugaree Badhukkeen jedhama. Godina Shawaa Bahaa aanaa Adaamii Tullu bakka giddoo Kombolchaa naannoo magaalaa Baatuttan dhaladhe guddadhe.

Barnoota kiyya hanga sadarkaa lammaffaas achumatti barachuun Yunivarsiitii Jimmarraa digirii jalqabaa argachuun ergan oggummaa herregaan hojjechaa turee booda carraa DV tiin biyya Ameerikaa kutaa Saawuuz Daakoota gale.

Ammas achuma kutaa biyyaa Saawuuz Daakootaa magaalaa Siifaalis keessan jiraadha. Magaalattiin kun baay'ee bareedduufi hammayyooftudha. Akkasumas bishaan randarraa utaalee yaa'uu yookaan finca'aa bishaanii guddaa 'Siifaals' jedhamu walakkaa magaalatiitti argamuus caalaa miidhagseera.

Itoophiyaafi biyya kana walitti madaaluun baay'ee cimaadha. Biyyi kun biyya tekinoolojiin guddatteedha. Itoophiyaan ammoo reef guddinarra jirti.

Biyyi kun waan hundaanuu kan guddatteedha. Kana jechuunis waanti hundinu hojiitti kan hiikamuudha. Seerri biyya kanallee guutummaan guutuutti hojirra oola.

Egaa wanti biyya kana Itoophiyaan adda taasisa jedhee amanu inni tokko, akkaataa eegumsa seeraati. Seeroonni gurgguddoon Itoophiyaa keessas ni jiru. Keessattu addunyaarratti kanneen fudhatama gudda qaban biyya kana qofa utuu hintaane biyya Itoophiyaalle ni jiru.

Haata'u malee, gama hojirra oolmaa seeraatiin adda adduummaan guddaan jira. Fakkeenyaaf, biyya kanatti seerri hojiirra kan oolu nama qoofaan miti. Meeshaalee tekinoolojii hojiirra oolmaa seeraaf baay'ee barbaachisoo ta'an kan akka kaameeraa fa'iifi sirnootaafi tekinooloji heddutu jiru.

Qaamoleen seera kabachiisanis seera jalatti bulu. Haala biyya keenya Itoophiyaa yoo ilaalle ammoo, qaamooleen seera kabachiisan hidhataa gandaatii hanga gubbaatti akka seeraan ol ta'anitti of ilaalu.

Hidhataan yookaan koreen gandaa tokkos abbaa barbaade mana keessaa gad baase tumu, hiraarsuu, hidhuufi waan barbaade irratti raawwachu danda'a. Kanaafu biyya keenyatti qaamooleen seera kabachisuu mala ofiin kan darbaa itti fayyadaman natti fakkaata.

Biyyan keessa jiru kanattimmoo faallaa kanaan warri hojirra oolmaa seeraa yookaan itti gaafatamuummaa uummataa hoogganuu qaban seera adda durummaan kan seeraa gaditti jiraataniifi kabajan ta'usaanii guddaa adda isaan godha jedheen yaada.

Gosi nyaataa hedduun biyya kana keessa haa jiraatu malee kan akka buddeena nyaata biyya koo na gammachiisu hin jiru. Haa ta'u malee kanneen jiran keessaammoo Piizaa nan filadha.

Biyya kiyyarraa waantan baay'ee yaaduufi as jiraachuu kiyyaan dhabeera jedhe yaadu tokko naamuusa jireenyaa, aadaa gaarii qabnu, safuufi walkabaja biyya keenya keessa jiru sana baay'een yaada.

Magaala kanatti bakkan guddaa jaaladhu walakkeessa magaalattiitti kan argamu finca'aa Siifools jedhamuudha. Magaalattiin Siifoolsiis maqaa ishee kan argatte finca'aa kanarraati.

Fincaa'ichis walakkeessa magaalatti keessa kan yaa'u wayita ta'u, ija namaatti guddaa kan bareeduudha. Namoonni hedduunis achi deemuun fincaa'aafi yaa'aa bishaan kanaa ilaaluun bashanannu.

Biyya kana dhufu kiyyatti waanti gaariin naaf ta'eera jedhu inni tokko karaa dinagdeen of jijjiiruu danda'eera. Inni biraan barnoota bu'aa irratti xiyyeeffateefi hojiitti kanan hiikamu danda'u barachuu danda'uukooti. Akkasumas nagaa amansiisaa keessa bahee galuu danda'uunkoo carra guddaa na qaqqabeedha jedheen amana.

Utuun aangoo addaa tokko qabaadhee biyya kana keessaa waantan geeddaruu, inni guddaan baasii barnootaafi tajaajilla fayyaaf baahu xiqqeessu yookaan hambiisuudha. Biyya kanatti tajaajila fayyaafi barnootaaf maallaqni baafamu baay'ee olaanaadha.

Waa'ee guddina, qidoominaa fi haala biyyi kun itti bareeddee hojjetamtee fi kunuunsi itti geggeeffamu yoon yaadu yeroo hunda biyya koon yaadadha. Utuu biyyi koos akkas taate kan jedhu hinaaffaatu natti dhagahama.

Jalqaba biyya kana akkan dhufeen waanti na rifachiise yoo jiraate, namoonni keenya tokko tokko kaayyoo biyyaa itti bahan hirraanfachuun amala hintaane horatanii, qorichaalee sammuu nama hadoochan fudhachuun araada hintaane keessa galanii wayitan argu guddoon rifadhe.

Namni erga biyyaa bahee boodas jireenya akkasi keessa akka galu akkan sirritti xiinxalu na godhe. Kunis, jireenya ofii wayyeessuuf murtee mata ofii malee biyya jijjiruun akka nama hinjijjirre baruunkoo akkan jabaadhee hojjedhuuf guddina koorratti hojjedhu na taasise.

Utuu waanti asii na butee biyya na buusu jiraate, sulula qeenxamaa naanno shaashamanneetti ofi arguun barbaada. Biyya haroo hedduun marfamtee jirtuufi bareedinni haala teessuma lafaa akkasumas haalli qilleensashee hawwataa bakka ta'e sanatti ofi arguun barbaada ture.