Qubsuma koo 31: Yaadannoowwan koo irra caalaan waa'ee mukkeeniifi dhoqqeedha

Aliiyuun Faayi

Madda suuraa, ALIOUNE FAYE

Ibsa waa'ee suuraa, Aliiyuun Faayi

Maqaan kiyyaa Aliiyuun Faayi jedhama. Haati kiyya lammii Itoophiyaa yoo taatu, abbaan kiyya nama Senegaal. Amma kanan jiru Ameerikaa Orlaandoo yoo ta'u, irra caala kanan jiraadhu Vaankovar- Kaanaadaadha.

Haala amala hojii kiyyaatiin walqabateen, fakeenyaaf torban ittaanu irraa eegalee Veegaasiin jiraadha. Isaan booda ammoo magaalaa biraa jechuudha. Bara darbee irraa kaasee torbaan lamaanan maagaalaa tokkorraa gara magaalaa biraatti socha'uun hojadha.

Waliigalatti garuu, Ameerikaa Kaabaa keessa na hinbaasu.

Waggoota lamaaf mindeefamee osoon hojachaa jiru guyyaa tokko jireenya kiyyaa geedaru akkan qabaadhu natti dhagahame. Waanan dargaggeessa ta'eefi nama na jalatti bulu waan hijiraanneefu dirqama bakka tokkotti murtaa'u akka hinqabaannee hubachuun addunyaa ilaaluun gaarii ta'ee natti mul'ate.

Barrisaa kan teknolojii waan ta'eefi anis teknolojiin waan na harkisuuf hojii mataa kootii hojachuuf murtesse. Teknolojiin humna addunyaa geeddaru akka qabu nan amana.

Amma dhaabbileen garaa garaa waliin qophiilee adda addaa teknolojii waraqaa maleesaatiin mobaayilii harkaatti fayyadamu qofaan biyyaa biyyatti, magaalaadhaa magaalaatti socha'uun hojachaan jira.

suuraa sabbata waaqaa Aliiyuun kaasee

Madda suuraa, ALIOUNE FAYE

Hojii kana malees, yeroo boqonnaa kiyyatti maqaa kiyyaa Itoophiyaatiin bakkeewwaniifi qophiiwwan adda addaa irratti muziiqaan qindeessa.

Itoophiyaadhaa kanan bahe wayitan umurii 15 tureedha. Achi tibban tureettis baayyee manaa bahee waanan hinbeekneefuu, yaaddannoowwan kiyya irra caalaan waa'ee mukeeniifi dhooqqee bira hindarbu. Akkasiis ta'ee garuu osuma har'a boruun Itoophiyaa dema jedhu kunoo waggoota 14 lakkofsiseera.

Yeroo baayyee waa'ee Itoophiyaa nan yaada. Waa'ee magarisummaashee baay'ee natti tola. Essayyu ta'ee yoon roobaafi magariisa argu Itoophiyaan yaadadha. Yeroo darbee Haawaayu deemee dhoqqeen, mukeeniifi sabanni waaqaa roobaan booda arge waan Itoophiyaa na yaadachiiseef dhaabadhee suuraa kaafadhe.

Dhaabbataan bakka tokko jiraachu baadhulleen wantoonni biyyoota Ameerikaa Kaabaa walfakkeessan hindhiban. Osoon humna qabaadhee qabeenya humna namaa garaa garummaa irratti hundeefamee akka wali simsiisuun itti fuftuu taasisuu osoon danda'ee natti tola ture. Haalawwan Itoophiyaa biyyoota biraatiin adda taasisan irratti akkasuma.

Nyaata killeefi qurxummii irra hijatamu

Madda suuraa, ALIOUNE FAYE

Hunda caalaa garaa garumaan kan natti beekamu gama teknolojiitiin. Hojii kiyyaa baayyee barbaachisaa waan ta'eef yoo Itoophiyaa waliin wali bira qabee ilaalu teknolojiin baayyee akka guddatan natti dhagahamaa jira.

Ergan itoophiyaa deemee waggoota dheeraa ta'ulleen, jijjiramni hedduun jiraachusaa hiriyyota natti himan qaba. Kanaafan gara fuula duraatti hojii kiyyaa gara Itoophiyaatti isaan booda ammoo gara ardii bal'ootti bali'suuf kana barbaadu.

Yeroo baayyee daandiirra waanan ta'uuf nyaata Itoohiyaa argachu hindanda'u. Garuu yeroo kamiyyu yoo gara Vaankuvariitti deebii'u haatii kiyya hijjattee waan na eegduufiyyuu baayyee hinrakkadhu. Kanas ta'ee sana ani nama ciree jaalatuudha.

Waanan jaaladhuufi waan madaalamaa cireedhaaf nyaachuun akka na gammachisuu omtu na hingammachiisu. Hunda caalaa nyaata Egiil Beendik jedhamuufi killeefi qurxummii irra hojatamu cireedhaaf soorachuu jaaladha.

Tuta urrii kan yeroo baayyee yoon xiyyaaraan imalu karaa foddaatiin argu kanadha

Madda suuraa, ALIOUNE FAYE

Ibsa waa'ee suuraa, Haalan yeroo baayyee yoon xiyyaaraan imalu karaa foddaatiin argu kanadha

Yeroo baayyee foddaan ittiin yaadaan imalu baayyee dhiphoo natti fakkaata, sababii foddaan xiyyaaraa xiqqoo ta'eefu. Yeroo hunda waanan imala killeensaa irra ta'uuf kallattii ilaalcha kiyyaa barame tuuta urriiti.

Jireenyi akkanaas kan namoonni baayyeen hawan osoo ta'ee jiruu, garuu kan hundaaf hinkennamne ta'u nan hubadha. Ani baayyee gamadaadha. Kana akkan murteessu kan na taasisee ammoo erga balaan konkolaataa jireenya kiyyatti cimaadha jedhu na mudateen booda ture.

Konkolaataan deemu baayyeen jaaladha ture. Bahaa gara dhiyaatti, Kaabaa gara Kibbaatti konkolaachisaa magaalaan hin argiin hinturre. Garuu balaan sun akkan waan baayyee yaadu na taasiseera.

Akkan dhaabbadhee waa'ee jireenyaafi eenyummaa kiyyaa yaadu na taasiseera. daqiiqawwan muraasa keessatti jireenyi ilma namaa gutummaatti geedaramu akka danda'u hubadheera. Kanaafan eegaa hojii gammadaa ta'uun jiraadhu hojachuun qaba jedhe yaaduun jireenya adda hincinneefi kan geedaramu hojachuu kanan eegale.

Osoo battalaan bakkan jiruu gara Itoophiyaa deemu kanan danda'u ta'ee hiriyyoota kiyyaa yeroo ijoollummaa jidduufi mana barnoota na guddisee Liisee Gabramaariyaa keessatti ofi arguun hawwa.

Presentational grey line

Kiristiin Yohaannisitu dubbise.

Odeessa Qubsuma Koo kutaa itti aanu argachuuf: