Ministirri Dantaa Alaa Chaayinaa Kooriyaa Kaabaa daawwachuuf

Madda suuraa, AFP
Ministirri Dantaa Alaa Chaayinaa Wang Yi erga mareen nagaa Kooriyaa Kibbaafi Kaabaa gidduutti taasifamee booda torbana kana keessa Kooriyaa Kaabaa daawwachuuf.
Chaayinaan qofti michuu Kooriyaa Kaabaa gama dinagdeen taatus waggoota dhiyoo asitti daawwannaan aanga'aa ol aanaa biyya sana taasisan isa kana ta'uusaati.
Gaggeessaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joongi Un Pirezedantiin Ameerikaa Doonaaldi Tiraampi waliin torban dhufu wal arguuf jiru.
Akka Chaayinaan jettutti, daawwannaan Ministira Dantaa Alaa Roobiifi Kamisa afeerraa Kooriyaa Kabaatiin.

Madda suuraa, AFP
Yaa'iin nageenyaa gaggeessitoota Kooriyaa lamaan gidduutti gaggeeffame akka Dursaan kooriyaa Kaabaa Pirezedaantii ameerikaa Doonaaldi Tiraampi waliin mariyatanis haala mijeesseera.
Xiinxaltoonni baayyeen garuu, Kooriyaan Kaabaa daftee maree kanaaf fedhii guddaa agarsiisuu ija shakkiin ilaalaa jiru.








