''Mooyyalee keessa socho'uun yaaddoo ta'eera''

Erga torban dabre keessa waa'ee haleellaa boombii magaalaa Mooyyaletti uumame gabaasneen booda, ammas rakkoon nageenyaa magaalaatti keessa jiru akkuma itti fufetti jira.

Lubbuun namoota haleellaa yeroo dabreetiin bade jaha gahuusaas itti gaafatamaan waajjira komunikeeshinii Godina Booranaa, Abba Galma Boruu BBCtti himaniiru.

Haalli amma Moyyaalee keessa jiru yaadessaa ta'uu dubbatu Aab Galma Boruu.

''Ammaaf tasgabbiin waan jiru fakkaatus, ummanni garuu yeroodhaa gara yerootti yaaddoo keessa galuun hin hafne. Sababni isaas namni hin beekamne yeroo hin beekamne dhufee meeshaa waraanaatiin ummata dararaa jira. Sodaatu ummata keessa jira. ummanni akka fedhetti socho'ee dalagachuu hin dandeenye. Sodaaf jecha namni baayyeen dalagaa keessaa ba'eera,'' jedhan.

Ganda caamoottis sagantaa cidhaarratti hookkarri uumamee ture, kanarratti wayita yaada kennan,''Kana quba qabaachuu baadhus, namni tokko kan hidhannaa qabu magaalaa keessatti qeerroo fi poolisii oromiyaatiin to'annaa jala ooleera. Boombii waliin qabame, Moyaalee keessa sodaa guddaatu jira. Haala kanaan guyyaa gara guyyaatti namni qabamaa jira,hanga ammaatti namni afur qabameera.

Namoonni yeroo yerootti meeshaa waraanaa waliin qabaman kunniinihoo eenyu isaan laata, meeshaan isaan waliin qabamanoo waan akkam fa'a? Kanarrattis wayita yaada kennan ,''Kan qabaman arfanuu boombii harkaa waliini. Hanga qaamni seeraa qoratee adda baasutti eenyummaasaanii ibsuun cimus, garuummoo qaamni kun kan dhufaa jiru naannoo shan kan ofiin jedhan kan mooyyalee qubatanidha.

Jimaata darbe waajjirri poolisii magaalaa Moyaalee haleelame kan jedhurraa kaasee haleellaan garagaraa akka ture miidiyaa hawaasummaarratti ni argina, rakkoon akkamii akka mudates gaafanneerra.

''Buufata Poolisii kan naannoo Oromiyaa haleeluuf yaadaniiti kan dhufan, garuu humni nageenyaa waan jiruuf miidhaa hamaa qaqqabsiisuu hin dandeenye.Qolatanii ofirraa deebisaniiru.