''Haleellaa kemiikaalaa'' Siiriyaa: Ameerikaan tarkaanfii 'humnaan' deebi laatti jedhan

Haleellaa Kemikaalaa Siiriyaa irratti raawwateen jedhameen walqabatee Tiraamp tarkaanfiin 'humnaa' akka fudhatamu kan dubbatan. Hoggantoonni biyyoota Dhihaas tarkaanfii akkamii fudhachuu akka malan wayita yaadaa jiru.

''Humna waraanaan filannoo hedduu qabna,'' jechuun gabaastootatti kan dubbatan Tiraamp yeroo ''gabaabaatti'' tarkaanfiin fudhatamu kun ni murtaa'aa jechuunis dabalanii dubbataniiru.

Haalli Dumaa keessatti Sanbatarra raawwateef eenyuu akka itti gaafatamaa ta'e Ameerikaaf akka''gaaritti ifa ta'aa'' dhufeera jechuun Tiraamp dubbataniiru.

Haleellaa raawwatame jedhame kanaan namoonnni hedduun akka du'an maddoonni fayyaa kan dubbatan wayita ta'u, hagam akka ta'an sirritti mirkaneeffachuun hindanda'amne jedhaniiru.

Dhimma kana ilaalchisee Pirezidaant Tiraamp prezidaantii Faransaay Imaanu'eel Maakroon waliin Wiixatarra kan mari'atan wayita ta'u, hoggantoonni lameen ''tarkaanfii cimaa'' fudhatamu akka malu irratti yaada akka qaban beekameera.

Ministirri Muummee Inglizii Teereesaa Meey gochaa kana ''haalaan balaaleeffachuun'' meeshaa keemikaalaa fayyadamuun halleellaa raawwate jedhame kanaas gochaa ''garajabina hamaa'' jedhaniiru. Deggertoota prezidaant Bashaar al-Asaad itti gaafatamoodhas jedhaniiru.

Balaaleffannaan hoggantoota biyyoota Dhihaa kun kan mudate haala muddama Mana Marii Nageenya Mootummoota Gamtoomanitti ta'een booda ture. Walgahii kanarratti Ameerikaa fi Ruusiyaan jechoota jajjaboo walitti deebisaniiru.

Bakka bu'aan Ruusiyaa kan ta'an Vaasilii Neebenziyaa halleellaa jedhame kana hordofuun tarkaanfiin Ameerikaan fudhachuuf jettu duubaan 'balaan haalaan gadhe ta'e' jiraachuu mala jechuun akkeekkachiisaniiru.

Bakka bu'aa Ameerikaa Nikkii Haaley - deggeertuu humna waraana Siiriyaa kan taate Ruusiyaan - ''dhiigni ijoollee Siiriyaa'' harka isheerra jira kan jedhan wayita ta'u, Prezidant Asaadiin ammo ''bulguu'' jechuun moggaasaniiru.

Dhimma fayyadama meeshaa kemiikaala Siiriyaa keessatti godhame kana ilaalchisee wixnee hunddeefama koree qoraannorratti Kibxata sagaleen akka kennamuuf Haaleey waamicha godhaniiru.

Haa ta'u malee yaadni dhihaate kun ''qabiyyee fudhatama hinqabne'' of keessa qaba jechuun Ruusiyaan akka hinddeeggeerre beksifteeti.