Doonii Ameerikaa bara waraana addunyaa 2ffa waggoota 76 booda argamte

Madda suuraa, PAUL G. ALLEN
Barbadaa'uun doonii xiyyaara Ameerikaa baattu kan bara waraana addunyaa lammaffaa galaana keessatti dhidhimte qarqara galaana Awusiraaliaatti argamte.
Dooniin tunis galaana keessatti gadii fageenya kilometira 3 rratti gara qarqara galaana Awustiraalitti fageenya kilo meetira 800 irratti argamte.
Dooniin kun wayita waraana galaanaa Caamsaa 4-8, bara 1942 kan baddeedha. Waraaana sanaanis gareen miseensootaa gara 200 ta'an du'aniru.
Humni galaanaa Ameerikaa garee Pool Aleen, hundeessaa waalta'aa Maayikroosoftiin ogganamuun akka argame mirkanneesniiru.
Dooniin dhidhimte kunis haalaa eegamu akka qabdu suuraan ni mul'sa.
Argannoonni doonii kanaafi xiyyaarawwan 35 waliinii kunis kan gaggeefame kubbaaniyaa Mr Aleen Vulkaan guyyaa Dilbataatti ture.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Adam Haarii Haaris, hajajaan dureen garee paasifik Ameerikaa argannicha leellisaniiru.
"Akka ilma hambaa doonii waraanaa Ameerikaatti Leksingtoonitti, Pool Aleeniifi garee qorattoota doonii kanaa 'Lady Lex'n argachuu isaaniitiif baga gammaddan jechuun barbaada,'' jedhaniiru guyyaa Kibxataa.

Madda suuraa, PAUL G. ALLEN
Waraanni galaanaa sunis yeroo murteessaa kan guddinni Jaappaan paasifik keessatti itti ittifamee ture.
Leksingootanis humnoota Ameerikaatiin kan barbadoofte erga boombii Jaappaanootaatiin tibba wal waraanichaa rukutamteen booda ture.
Humni galaanaa Ameerikaas erga doonittiin rukutamteen booda miseensoonni garee 216 du'aniru jedheera. Kanneen kuma lamaa ol ta'an ammoo baraaramaniiru. .
"LeKisingtoon kanneen tibba waraana addunyaa lammaaffaa baduun tarree jalqabaa keenyaarratti argaman keessaa tokko,'' jedhaniiru dubbii himaan Vaalkum Roobariti Kiraaft.
Suuraan galaanichaa keessaa fudhatame akka mul'isuutti, xiyyaariiwwan donichaa haala gaariirratti argamu.
Humni galaanaa Ameerikaa akka gadoo waraanaatti ilaalamu mala waan jedheefu doonittiin garuu deebiifamtee hinhijaaramtu.
Mr Kiraafti akka jedhanitti doonittii achii kaasuuf karoora ji'oota jahaa ni barbaachisa.

Madda suuraa, PAUL G. ALLEN
Bara darbees Vaalkaan doonii waraanaa Ameerikaa Indiyaapoolis kan Adooleessa bara 1945 dhidhimte argateera.
Kana malees, dooniiwwan waraanaa Jaappaanii Musaashiifi kan Xaaliyaanii Artigleere kan jaarraa walfakkaataa argateera.












