Dargaggeesa Itoophiyaa Tiraampiin balaaleffataa jiru

Mormii Doonaald Tiraamp irratti dargaggeessi Itoophiyaa gaggeessaa jiru.

Madda suuraa, Tsegaye Hailesillassie

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp 'boolli kosii' si'i

Tsaggaayee Hayilasillaasee Ameerikaa kutaa biyya Minesootaa magaalaa Seent Pool jedhamtu keessa jiraata. Kutaalee magaalattii gara garaa keessa socho'uun pireezidantii Ameerikaa Doonald Tiraamp irratti qofaa isaa hiriira mormii gaggeessaa jira.

Donaald Tiraamp yoo mormu "kun isa jalqabaa koo miti" kan jedhu Tsaggaayeen, kanaan dura viidiyoowwan gara garaa waraabuun akkasumas barreeffamoota balaaleffannaa barreessuun marsaalee hawaasaa irratti maxxansaa akka ture dubbata.

Arrabsoon hamaa Tiraamp biyyoota Afriikaa, Heeyitiifi Elsaavaadoor jedhanii arrabsan garuu mormii isaa addabaabayiitti akka baasu na dirqisiise jedha.

"Dhugaa dubbachuuf jecha arrabsoo sana gaafan dhagahu, keessi koo ni gubate, baay'een gadde. Hojiin hojjedhullee dhaabeen gara mormii kanaatti seene, xiiqii aariifi tuffatamuun na keessatti uumetu kana fide," jedha.

"Durumayyuu tuffiin isaan baqattootaaf qaban hedduu na aarsa ture," kan jedhu Tsaggaayeen, haati warraa isaanii baqattuu ta'uufi, isaanis yeroo tokko 'dhiiga Jarmanii qabaachuu kootti nan boona' jedhanii ifatti dubbachuu isaanii nan yaadadha jedha.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Dargaggeesa lammi Itoophiyaa Tiraampiin balaaleffatu

tiraamp 'BOOLLI KOSII' si'i

Jalqaba mormii kana wayita yaadu, dhaadannoo filatee baanarii qopheeffachuu isaa dubbata. Dhaadannoon isaas 'trump you'RE THE SHITHOLE' yookan 'tiraamp 'BOOLLI KOSII' si'i' kan jedhu ta'uufi akki itti barreesses hiikaa qabaachuu hima.

"Jechoota lamaan 'trump' fi 'you' jedhu qubee xixiqqaan kanan barreese, namtichi ilaachi isaanii gadi bu'aafi qubee xiqqaan kan fakkeeffamu ta'uu ibsuufi. Halluu isaa keelloo kanan godheef bifti isaanii akkas waan fakkatuufi," jedha.

'THE SHITHOLE' kan jedhu halluu diimaan barreeffame akka maqaa masootti kan pireezidantichaaf moggaase akka ta'es ni dubbata.

Erga baanarii isaa akka kanaan qopheeffatee booda magaalaa Seent Pool naannoo namoonni itti baay'atanitti qabatee bahuun, akkasumas konkolaataa isaarratti maxxansuun mormii isaa ibsachaa jiraachuu hima.

Wayita baanaricha qabatee mormii isaa agarsiisus sirba fokkorsuu afaan amaaraa, wayita lolaa sirbamu banee akka ta'e ni dubbata. Qalbii namootaa akka hawwatuuf yeroo dhiyoo as shubbisaafi fooggala eegaluu isaas ni dubbata.

Uggura waggaa tokkoo

Kutaan biyyaa inni keessa jiraatu kan deeggartoonni paartii Diimokiraat baay'inaan keessatti argaman ta'uu kan himu Tsaggaayeen, sababa kanaan namoota hedduu irraa deeggarsaafi hamilee argachuu isaa dubbata.

Haa ta'u malee namoonni rakkoo sanyummaa qabaniifi deeggartoota Tiraamp ta'an miidhaa irraan gahuuf yaalii gochuu isaanii hima.

"Gaaf tokko namichi tokko konkolaataan, na dhahuuf yaalii godheera, baay'ee natti siqee arrabsoo gadhee na arrabsee na bira darbe," jechuun dubbata.

Buufata Xiyyaaraa magaalattii keessatti wayita mormii agarsiisaa turettis poolisoonni waamamanii buufata xiyyaarichaa gadhiisee akka bahu akkasumas dhimma seera-qabeessa yoo hin qabaanneen alatti waggaa tokkoof gara buufata xiyyaarichaa seenuu akka hin dandeenye ugguramuu isaa BBC'tti himee jira.

Mormii Doonaald Tiraamp irratti dargaggeessi Itoophiyaa gaggeessaa jiru.

Madda suuraa, Tsegaye Hailesillassie

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp 'boolli kosii' si'i

Mukti tokko qofaa hin boba'u

Namootni adii muraasni akka waliin mormaniifi hedduun ammoo karaa irratti bifa gara garaan hamilee akka kennaniif kan himu Tsaggaayeen, lammiilee Itoophiyaa fi biyyoota Afriikaa biroo magaalattii keessa jiraataniif waamicha godhus, hanga yoonaa namni bahee isa waliin hiriire akka hin jirre hima.

Kunis namoonni hedduun waan hin mijanneefi akkasumas kaan ammoo yaaddoo irraa kan ka'e akka ta'e dubbata.

"Ani 'green card' yookan hayyama biyyattii keessa jiraachuu hin qabu, namoonni hedduun hayyama osoo hin qabaatiin akkamitti akkas goota naan jedhu, of eeggadhu kan naan jedhanillee jiru," jechuun dubbata.

Mukti tokko qofaa hin boba'u kan jedhu Tsaggaayeen, namoonni mormii isaatti akka dabalaman waamicha dhiyeessa.