Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mala haaraa qorannoo dhiigaan kaansarii argu
Saayitiistonni mala qorannoo dhiigaa kaansarii gosa gara garaa adda baasuu danda'u argachuutti dhiyaanneerra, kunis galmawwan gurguddoo meedisinii keessa isa tokko jedhu.
Gareen yuunivarsiitii Joohns Hoopkiins, mala gosoota dhukkuba kaansarii saddeet adda baasu yaalanii jiru.
Kaayyoon isaanii mala qorannoo dhiigaa waggaa waggaan taasifamu kan dhukkuba kaansarii akkuma nama qabeen arguu danda'uufi lubbuu namoota hedduu baraaru argachuudha.
Bu'aan qorannoo isaaniis 'daran kan nama gammachiisu' dha jedhu.
Xannachi qaama namaa kaansariin qabame waan xixiqqoo DNA irraa cittee fi pirootiinii gara ujummoolee dhiigaatti gadhiisu
Malli haaraa saayintiistonni argatan 'Canser Seek test' jedhamu kun ammoo citaa DNA jiiniiwwan 16 yeroo mara qaama kaansariin qabame keessatti argaman fi pirootiinii gadi dhiifamu qorata.
Dhukkubsattoota 1,005 qaamolee isaanii gara garaa kaansariin qabatee jiru garuu gara tiishuuwwan isaaniitti hin tamsa'iin irratti yaalame.
Bu'aan isaas, harka 70 ol kaansarii adda baasuu danda'eera.
"Kansarii akkuma nama qabeen dafanii adda baasuun baay'ee murteessaadha, bu'aan isaas nama gammachiisa," jedhu Dr. Kiristiyaan Tomasetii Yuunivarsiitii Koohns Hopkiins irraa.
"Du'a sababa kaansariin dhufu hir'isu irrattis dhiibbaa guddaa qabaata."
Kansariin ammuma dafee argamee carraan yaalamuu isaa guddaadha.
Goosoota dhukkuba Kaansarii saddeettan keessaa shan kanaan dura malli ittiin dafanii adda baasan hin turre.
Malli haaraan kun namoota kanaan dura qorannoo kaansarii taasisanii hin beekneef kennamaa jira. Kunimmoo hagam malli kun faayidaa qabeessa akka ta'e mul'isa.
Maloota kanaan dura kaansarii adda baasuuf fayyadan bakka bu'uu danda'as jedhamee eegama.