Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Biyyoota Garee E jalatti ramadaman afran
Ramaddiin garee biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii ba'eera. Garee G jelattis biyyoonni kunneen ramadamanii jiru.
1. Beeljiyam
Taphoota duraanii lama irratti erga kufanii booda, Beeljiyeem bara 2014 nuusa xumuraaf geesse. Lammaffaa Arjantiinaatu irraa fudhate. Xumurri gaariin seexanoonni diddiimoon bara 1986 galmeessisan ammoo afraffaa bahuu ture.
Tapataa ijoo: Eedan Haazaardidha. Colleen kilaba cheelsii fuulduratti darbuuun gara ittisummaatti ce'e, saffisa, itti dhiyeenyaan to'achuu fi ija qaruxee qaba. Dursaa garee, garee Roobertoo Maartinezi.
Leenjisaan eenyu: Roobertoo Maartineez kan seenaa kubbaa miillaa Ingilaandi keessatti milkaa'ina guddaa argamsiisan kilabni Wiigaan bara 2013 gara waancaa FAtti akka dhufu ifaajaniiru, guyyaa sadi booda duubatti haa deebi'aniyyuu malee.
Hoogganaan Suwaansii fi Evartan turan kun sarara fuulduraa milkaa'inaan akka qindeessan shakkiin hin jiru, sadarkaa kilabiitti garuu dandeettiin ittisummaasaanii yaachisaadha. Kun gitasaanii kan Beeljiyemiif rakkoo miti.
Sababni isaa taphattoota ciccimoo kanneen akka Jaan Veertangeen fi Tuubii Alderweeyireldi fi akkasumas dursaa garee Maanchister Siitii Viinseent Kampanii sarara ittisaarraa waan qabaataniif.
2. Paanaamaa
Paanamaan Koostaarikaarra aanuun yeroo jalqabaaf Waancaa Addunyaaf dabarte.
Taphataa Ijoo: Luwis Tejaadaa. Umuriin isaa ganna 35 ta'us galchiiwwan 42 biyyattiif galchuun riikordii qabatee kan jiru Tejaadaan abdii Paanamaan tapha waancaa addunyaa Rashiyaaf qabdudha.
Leenjisaan Eenyu: Lammiin Kolombiyaa Hernaan Daariyoo Goomeez hojii leenjisummaa idil-addunyaatii gara garaa hojjetanii jiru. Kolombiyaa waliin bara 1998, Ikuwwador waliin ammoo bara 2002 waancaa addunyaarratti leenjisummaan kan hirmaatan Goomeez, kun hirmaannaa isaanii isa sadaffaadha.
3. Tuniiziyaa
Tuniiziyaan erga 2006 Jarmanitti ramaddii gareerraa darbuu dadhabdee kuftee booda, Waancaa Addunyaarratti yoo hirmaattu kun kan jalqabaati.
Hirmaannaa sana duraa 1978, 1998, fi 2002'tti rammaddii 16'tti darbuu hin dandeenye.
Taphataa adda-duree: Ittisaa gidduu kan ta'e Ayiman Abdanuur sarara ittisaa Tuniiziyaa keessatti taphataa muuxannoo guddaa qabu dha.
Yeroo ammaa kana Vaaleensiyaa irraa ergisaan Maarseef taphachaa kan jiru Ayiman, taphoota iintarnaashinaalaa 57 irratti hirmaatee galchii lamas lakkoofsisuu danda'eera.
Eevartan fi Cheelsii waliin maqaansaa ka'aa kan ture ittisaan kun, amma ija Waatfoord keessa seeneera jedhamaa jira.
Leenjisaan eenyu: Nabiil Maaluul leenjisaa Tuniiziyaa yoo ta'an kun yeroo lammaffaafidha. Marsaan duraa bara 2013'tti taphoota 7 qofaaf kan ture yoo ta'u, biyya isaanii gara Waancaa Addunyaa 2014'tti dabarsuu waan hin dandeenyeef ari'amani. Kilabii El Jaayish, garee byyaalessaa Kaataar fi Kuweet waliin erga turaniin booda bara 2017 irra deebiin muudaman.
Sana dura leenjisaa Roojer Lemeer jelatti itti aanaa ta'uun hojjachaa kan turan yoo ta'u, Tuniiziyaan Waancaa Afriikaa 2004 akka injifattu taasisuun alatti, kilabni 'ES Tunis' bara 2011'tti seenaa isaanii keessatti waancaa sadii akka injifatan taasisaniiru.
Akkasumas baroota 1980'ta kaasee hanga 1990'taatt taphataa gidduu garee biyyaalessaa ta'uun taphoota 74 akka moo'an kan taasisuu fi Olompikii 1988 irratti biyyattii bakka bu'uu danda'eera.
4. Ingilaand
Bara 1966 bifa addaatiin waancaa addunyaarratti milkaa'anii, warri Ingilaand bara 1990 qofa xumuraaf ga'an, wayita sana 4ffaadhaan xumuran. Bara 2014 keessa leenconni sadi garmalee midhamanii mo'aman. Hireen kun kan mudate erga bara 1958tii as isa jalqabaati, tapha lama qofa erga taphatanii kan itti salphatanii keessaa ba'an tures.
Taphataa ijoo: Goolii 13 gareesaa fi biyyasaaf galchuunsaa hanga fulbaana darbeetti kan beekame, Harii Keen haala namaaf hin galleen manii lakkoofsisuudhaan addunyaarratti beekama. Goolii 27 bara 2017 keessa galcheen kan Liyooneel Mesii bira ga'uuf tokkittiitu isa hafa.
Leenjisaan eenyu: Gaareez Saawuzgeet tapha jalqabaasaa dursuuf itti gaafatamummaa fudhateera. Ingilaandi bara inni dursaa garee ta'etti si'a lama kufte, Jarmanii fi Firaansitu kuffise, garuu calallii waancaatiif darbaniiru.