Biyyoota Garee D jalatti ramadaman afran

Ramaddiin garee biyyoota Waancaa Addunyaa irratti hirmaatanii ba'eera. Garee D jelattis biyyoonni kunneen ramadamanii jiru.

1. Arjantiinaa

Arjantiinaan Waancaa Addunyaa yeroo lama injifattee jirti - bara 1978 fi 1986. Yeroo sadi ammo xumuraaf geessee - bara 1930, 1990 fi 2014 kan Biraazil kan qopheessite irratti Jarmaniin galchii 1-0 mo'amtee.

Taphataa Ijoo: Liyooneel Meesii. Yeroo shan taphataa cimaa addunyaa ta'ee kan filatame Meesiin, tapha gulaalli marsaa xumuraa Ameerikaa Kibbaa Arjantiinaan Ikuuwadoor waliin taphatte irratti haatiriikii hojjachuun biyya isaa gulaallii dabarse.

Leenjisaan eenyu: Chiilii waancaa kooppaa ameerikaa bara 2015'f kan qaqqabsiisan Lenjisaan Chiilii duraanii Caamsaa 2017 gara Arjantiinaa dhufan. Hojii isaanii jalqabaanis Arjantiinaa waancaa addunyaaf qaqqabsiisuun milkaa'anii jiru.

2. Ayislaand

Hirmaannaa ishii isa duraa Waancaa Addunyaa kan mirakaneeffatte Onkololeessa 1 Koosoovoo injifachuuni. Bara 2016tti Waancaa Awurooppaa irratti erga hirmaattee booda barri kun lammiilee Ayislaandiif bar warqeeti jedhamuu danda'a. Geeba Awurooppa sana irratti Iingilaandiin mo'achuun gara marsaa itti aanutti darbite. Tapha nuusa xumuraan qopheessitu waltajjichaa Firaansiin goolii 5 fi 2 mo'atamteetti.

Taphataa ijoo: Taphataa Eevertan Gaayilfi Sigurdisaniin alatti taphataa biraa eeruun ni ulfaata. Taphataan sarara gidduu ganna 28'tii kun tapha Koosoovoo waliin godhan irratti galchii isa jalqabaa galchuu danda'eera. Kubbaawwan fagoodhaa ergaman irratti dandeetti addaa qaba.

Leenjisaan eenyu: Haaymir Hoolgirimson, ogeessa ilkaanii nama ganna 50 ti. Tapha Waancaa Awurooppaa bara darbee garicha leenjisaa lammii Siwiidin Laarsi Laagerbaak waliin geggeesseera. Hoolgirimson sana booda garicha kophaatti qabatanii Waancaa addunyaan gahuun milkaa'aniiru.

3. Kirooshiyaa

Kirooshiyaan FIFAtti kan seente waxabajjii 1993, jechuun garuu bara 1994 Yuunaayitiid Isteetis irratti dorgamaa ta'uu waan hin dandeenyeef teellaatti hafteetti. Garuu Firaansi 98 irratti xumuraaf darbaniitu taphoota ganna shan taphataman keessaa as qofarratti milkaa'an.

Ga'ee olaanaa Deevoor Suuker, Zivoonimiir Bobaan agarsiisaniin sadaffaa ba'uunsaanii milkaa'inasaanii jalqabaati. Yeroo sana qopheessituu sirna waancaa kan taate Firaansiin mo'ataman.

Taphataa ijoo: Lukaa Moodirich -yeroo ta'etti Tootenaam kan ture, amma Riil Madiriid jira,taphataa collee mala maltee haaraa qabatee Kirooshiyaaf dhiyaatu ta'a. Taphataan ganna 32 kan ija qaruuxeedhaan teessuma kubbaa murteessuu fi kubbaa bareechee oofuu danda'u kun kilabii amma keessa jiru waliin yeroo sadi waancaa injifate.

Biyyasaatiif goolii 12 galchuun ol kaaseera. Luukaa Moodiriich bara 2012 ture paawondii miiliyoona 30n Tootenaam irraa gara Riilmaadiriid kan imale.

4. Naayijeeriyaa

Kun Nayijeeriyaaf hirmaannaa Waancaa Addunyaa 6ffaa yoo ta'u, walitti aansuun ammoo yeroo 3ffaa fi dha.

Taphataa ijoo: Dursaan taphattootaa Joon Miikeel Miikeel taphataa muuxannoo yeroo dheeraa qabu yoo ta'u, yeroo 80'f miseensa garee ta'uu danda'eera, namoota Raashiyaatti warra Risaaf addummaan taa'an keessaas tokko ta'a.

Waltajjiin kun taphataa Cheelsii duraanii kanaaf yeroo lammaaffaa yoo ta'u, namni umurii 30 kun biyyisaa bara 2014'tti sad. gulaallii biyyoota 16 keessa bara 1998 booda akka geessu dandeessisee jira. Amma kilabii Chaayinaa Tiyaanjiin Teedaa jedhamuuf taphata.

Leenjisaan eenyu? Gernooti Roohir addunyaarra naanna'anii leenjisaniiru. Niis irraa hanga Gaaboon, Burkiinaa Faasoo irraa hanga Naayijeeriyaa, namni umurii ganna 64 kun beekumsaa guddaa qabu.

Roohir, Baayer Muuniik fi Boordoo keessatti taphatanii jiru. Achiis Boordoo leenjisummaan fudhatanii xumura dorgommii 'Uefa Cup' bara 1996 irratti Baayer Muuniikiin injifatamani.

Hojiin leenjisummaa isaanii kana duraa, kilabii Naantes, Yaangi Booyis Boorni Swiitzerlaand keessa kan jiru, kilabii Tuniiziyzz Etool du Saahel fi garee biyyaalessaa Niijar dabalata.