Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezidantiin Naayijeeriyaa Buhaarii lammiilee Liibiyaatti rakkatan qe'eetti deebisuufi
Godaantonni Naayijeeriyaa Liibiyaa fi bakka kaanitti gargaarsa dhabanii jiran biyyatti ni fidna jedhan pirezidantiin biyyatti Muhaammaduu Buhaarii.
Murteen kuni viidiyoo godaantonni Liibiyaatti akka garbaa gurguramaa akka jiran agarsiisu erga mul'ate booda.
Buhaariin akka jedhanitti godaantonni akkuma re'ee dolaara gadi-aanaan gurguramaa jiru.
Lammiileen biyyattis imala gara Awurooppaa balaa akkanaa qabu akka hin goone akka hojjetan dubbataniiru.
Ibsi kuni qondaaltonni Liibiyaa gargaarsa Mootummoota Gamtoomanin godaantota bakka dhufanitti deebisuuf tajaajila baay'ina balalii xiyyaaraa akka dabalaa jiran erga dubbatani booda kan dhaga'ame.
Lammiileen Naayijeeriyaa 240 ta'an fedhii isaaniitin Kibxata galgala gargaarsa eejansii godaantotaa Mootummoota Gamtoomaniifi mootummaa Liibiyaatin biyyatti akka deebi'an ta'eera.
Gidiraan godaantonni Awurooppaa gahuuf jedhani Liibiyaatti argaa jiran viidiyoo dhaabbata miidiyaa CNN jedhamuun daawwatameera.
Dhimmi godaantotaa kuni marii waliinii Gamtaan Afrikaa- Gamtaa Awurooppaa waliin magaalaa guddoo Ayivorii Koost Abijaan taasifamaa jiruurratti ijoo dubbii ta'a jedhame eegama.
Buhaariin wanta argaa jiraniin akka gammadan garuu wanti lammiileen Liibiyaatti argaa jiran hamaa akka ta'e diyaaspooraa Naayijeeriyaaf gaafa Kibxataa himanii turan.
''Bulchiinsa waggoota 43 koloneel mu'aammar Gadaafii booda maaliif Saahelirraa lammiilee Naayijeeriyaa dabalatee qaxaru?'' jechuun Buhaariin lammiilee Liibiyaa gaafataniiru.
''Wanti guddaa isaan baran dhukaasuufi ajjeesuudha. Nama ogummaa qabu kanneen akka elektirikaa, daldala yookiin kaan ta'uuf hin baranne'' jedhan.
Akkaataa mootummaan Naayijeeriyaa godaantota biyyatti deebisuuf yaade garuu hin beekamne.