Ministirri muummee Lebaanon Saad Hariirii Beerutitti deebi'an

Saad Hariiri buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Beeyirut yeroo gahan, Lebaanon, Sadaasa 21, 2017

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Saad Hariiri halkan kaleessaa Beeyirut gahan

Ministirri muummee Lebaanos Saad Hariirii erga torban lama dura aangoo irraa ka'u isaanii dubbatan booda yeroo duraaf Beeyirutitti deebi'an.

Obbo Hariiriin gaafa Kibxataa buufa xiyyaaraa idil-addunyaa Beeyirut yeroo gahan miseensonni nageenyaa isaan simataniiru.

Imalaaf gara Riyaad dhaqani aangoo irraa bu'uu dubbachuun isaanii rakkoo siyaasaa uumee ture.

Saa'udi Arabiyaan walmorkii Iraan waliin qabduuf akka isaan aangoo gad-lakkisan dhibbaa uumteetti isa jedhu haalaniiru.

Pirezidantiin Lebaanon Mishel Awun hanga qaamaan dhufani Hariiriin xalayaa gad-lakkisu isaanii ibsu fidanitti bu'uu isaanii hin fudhu jedhani ture.

Obbo Hariiriin gaafa Sambataa gara Faransaayitti imaluun pirezidantii biyyatti Imaanu'el Maakroon waliin wal arganiiru. Maakron Hariiriin biyyatti akka deebi'an mariisisaa turan.

Hariiriin guyyaa har'aas ayyaana guyyaa walabummaa biyyatti irratti yaada isaanii pirezidantii Lebaanonif akka beeksisan himaniiru.

Saad Hariri (right) and Emmanuel Macron Saad Hariirii (mirga) fi Imaanu'el Maakron (mirga)

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Hariiriin pirezidantii Faransaay Imaanu'el Maakroon waliin Paarisitti waliin haasa'aniiru

Hariiriin osoo hin eegamiini Sadaasa 04, 2017 aangoo irra akka bu'an kan himan.

Ibsa kallattiin televijiinii darbe irratti lubbuukoof sodaadheeni jedhaniiru.

Hariiriin Iraan qeeqaniiru. Naannoo biyya isaanitti kessumaa garee Hezbollaah Iraaniin deeggaramu jeequmsa uumaa jira jedhaniiru.

Hezbollaah garee obbo Hariirii waliin mootummaa tokkummaa Lebaanon ijaareera.

Pirezidantiin Lebaanon Saa'udii Arabiyaan obbo Hariiriin aangoo akka gad-lakkisan taasisaniiru jechuun dubbatanis Saa'udiinis ta'e Hariiriin haalaniiru.

Obbo Hariiriin Saa'udii Arabiyaa waliin hidhata guddaa qabu. Lammummaa Lebaanosiifi Saa'udiillee qabu. Saa'udii keessatti qabeenya kan qaban yoo ta'u Riyaad dhaaba siyaasaa isaanii deggarti.