Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraalee filatamoo Afriikaa: Sadaasa 3-9, 2017
Suuraalee filatamoo Afriikaa torban kanaa
Ayyaan qalbii didirachuufi gammachu kunis Magaalaa bashananaa Ayivoory Koosti qarqaraatti guyyaan Sanbataa kabajama....
Uummanni Nzeemaa sirna Abbissaa, jechuun mogaasan kabajataa jiru. Ayyaanichis maqaa kana kan argate sababii isaaan gaaffii gaafatanif.: Nzeemaan waggaa haaraa kanatti seenuun ni ta'aafi?...
Mootichaa fi mucaa filatamtuu 'kabajaan '' batamaanii magaalaa Graand Baasaam keessa yoo dababarfamanu.....
Sagalee dibbee wayita dhageesifamu, wayyaa faallaa (dhiirri wayya dubartii dubartiin wayyaa dhiiraa) uffachuun nama waggaa darbee keessa balleessee, waan gadhee irratti hojjate ykn aarse sana akkeessu. Wayita hundaaf dhiifammi godhamee booda, waliin seensa baraa haaraa gammachuun kabaju.
Guyyuma sana, artistii Afroobiit kan ta'e Laamojiin tapha isaa magaalaa gudditti Naayijeeriyaa Lagoos keessaa bakka agarsiisa daldala adduunyaatti agarsiise. Laamoojiin albamii isaa kan akka namicha artistii Feelaa Kuutii'tti hojjete gadhiisuuf karoora qaba.
Dilbataa: Lammileen Zimbaabuwee bakka ayyaana siyaasaa fi amantii itti kabajamuu Magaalaa guddittii Haraaree keessatti sirbaa fi faaruun dhiichisuu.
Namoota achitti walgahan keessaa irra caalaan namoota mana sagadaa kristaanaa lammi Zimbaabwee addaa addarraa irraa kan walitti qabamaniidha...
Dameen dargaggoota paartii biyya bulchuu ZANU -PF dhangaa kana qopheessuun amanammummaa qaban giiftii duree Zimbaabwee kan taate Grees Muugaabee ibsu....
Isheenis abba manaa ishee umurii waggaa 93, Roobeert Mugaabee waliin achi jirti turte. Giifti dureen kunis abbaa warraa ishee booda aangoo pirezidaantummaa kan ishee gonfachiisuu haasaa aangoo cimaa gooteetti.
Kibxata: Mucaan waggaa 15 Muusxafaan Kaayiroo magaalaa Masrii naannoo dulloomaa keessatti warshaa gogaa tokkicha hafe keessa kirrii adii maramaa baate deema....
Namni wagga 76 Saalaamaan, abbaa qabeenyaa fi umurii wagga torbaa irraa jalqabee warshaa gogaa kana keessaa hojjechaa kan tureedha.
Liibiyaa magaalaa Triipoolii keessaatti qurxummii qabdootii bidiruusaanii buufata qarqara galaanatti argamutti hidhu...
Qurxumiiwwan qabanis akkasitti gabaatti dhiheesu.
Kamisaa: Meeshaan barreefamaa kun muusiyemii poolisii magaalaa qarqara galaanaa kan taate Kep Taawoon, Afrikaa Kibbaattti agarsiisa irra jira...
Meeshaa barreefamaa duraanii kan muusiyemii poolisii magaalaa Kep Taawoon, Afrikaa Kibbaattti agarsiisa irra jiruudha.
Dilbata: Phaaphaasii muummicha Kaantibuury Jaastiin Weelbi, ayyaanneeffannaa hundeeffamuu waggaa 100ffaa waldaa Ol Seeyint, teesssuma olaanaa waldaalee Anglikaan Keeniyaa dhufanii turan. Lubi kun angaawoota siyaasaa bebeekamoo Keeniyaa lamaan, Prezidaanti Uhuruu Keenyaattaa fi mormituu isaanii, Raayilaa Odiingaa mirgaa fi bitaa isaanii wayita dhaabbatan.
Suuraaleen kunneen kan kenne: AFP, EPA, PA fi Reuters dha