Qubsuma Koo 6: Ijoollummaa jalqabee Kaamboodiya jiraachuun fedhii koo ture

Madda suuraa, Aklile Mekuria
Seenaa abbaankoo natti himaa ture irraa ka'uun biyya Kaamboodiyaa waanan baay'ee jaaladheef xinnummaa kooti eegalee keessa jiraachuu nan barbaadan ture.
Maqaankoo Akliil jedhama, maatii lammii Itoophiyaa ta'an irraa biyya Keenyaattan dhaladhe. Dhaladhee waggoota torba booda gara Itoophiyaatti deebinee waggoota 12'f achi jiraadhe.
Kana booda waggaa sadiif biyya Hindii jiraachaa egan turee booda gara biyyaatti deebi'een, yerooma sana ammoo jireenyakoo Ruwaanda godhadhe.
Amma garuu biyya Kaamboodiyaa keessatti magaalaa guddoo lammaffaa biyyattii Siyeem Riip keessan jiraadha.
Haa ta'u malee, Siyeem Riip daawwachuun simannaa isaan namaaf qaban, nagaaa fi tasgabbii biyya sana jiru hamman argutti murteessuuf hin dandeenyeen ture.
Ergan murteessee immoo qophii gahaa gochuutu narra ture.
Hojii barbaachaa utuun jiruu gita hojii itti gaafatamaa qunnamtii fi argamsiisa fandii NGO (dhaaba miti mootummaa) tokko baasetti iyyannaa galchuun hojicha argadhee kunoo asin jira.

Madda suuraa, Getty Images
Siyeem Riip anaaf Finfinnee caalaa magaalaa namummaan keessatti mul'atuudha. Namootni biyya kana dubbiif hin ariifatani.
Mareef dursa kennu malee atakaaroo hin jaalatani. Namoota gidduutti waldhabdee dhalate gargaaranii furuuf hundumti isaanii qophiidha.
Kamboodiyaan Itoophiyaa irraa waan ittiin adda baatu hedduu yoo qabaattellee, nyaanni isaanii anaaf garaagarummaa guddaa qaba.
Ruuzii fi mi'eessituu kaarii kanan biyya Hindiitti nyaachaa ture wajjiin bifaan kan walfakkaatan, haa ta'u malee wayita nyaatamuu mi'aan isaa adda addummaa guddaa qaba.
Kanaafuu hanga ammaatti itti baru hin dandeenye.
Nyaata biyya kanaa yeroo baay'ee hin nyaadhu; garuu aannan Kokonatii fi Kuduraalee addaa addaa baayee waliin kan hojjetamu Amook Kaarii jedhamuun kan beekamu nan jaaladha.
Manatti garuu ofii koof gafan nyaata bilcheessu, mimixa itti dabaluun bakka shiroo shumburaa gargaaramuun itto hojjechuu danda'eera.

Madda suuraa, Aklile Mekuria
Yeroo tokkoo tokko biyya koon yaada. Haadhaa fi Abbaakoo yaaduun koo akkuma jirutti ta'ee, bakkan dhaquu fi maaltu biyya kana keessatti deema jira isa jedhuu baruuf dadhabuun koo akkan biyyakoo yaadu na godha.
Finfinneen kan kooti, akkan ofii koo beekuuttan beeka, karaa bahanii fi galan. Asitti garuu bakka tokko dhaquufis ta'e waanan barbaadu tokko argachuuf gargaarsa namoota argaaachutu narra jira.
Manni jireenyaakoo gamoo daandii gudda cinaa fi fuullee laga guddan tokko jirudha. Yeroo hedduu buna biyyaa fide qabadheen barandaa irraa gad bahee taa'uun akka televiziyoonii wanta addaa addaa ilaaluun na gamachiisa.
Bishaan guddaa mana koo biraan darbu kana irratti doonii fi bidiruu oftooti shaakala adda addaa wayita godhan, barattoonni gara mana barumsaatti ariitiin yeroo deeman, hojjetoota gara hojiitti jarjaran fi namoota jireenya isaanii karaa addaa addaa mo'achuuf asiif achi jedhan wayitan achii gadi ilaaluu waan biyyi lafaa kun naanna'aa jirtu fakkaate natti mul'ata.

Madda suuraa, Aklile Mekuria
Siyeem Riip ergan dhufee waanti gamachiisaan na mudate yoo jiraate..... manan keessa jiraadhu kana argachuukooti. Mana bakka bareeda akkanaa utuun hin argatiniin dura, manoota hedduu ilaaleera.
Yeroo hedduu mana barbaacha ergan turee booda dubartii yeroo baayee hojiif olii gadi deemtu, kan nama mana ishee waliin qooddatu barbaaddu tokkon argadhe.
Dubartiin kun nama haalaan gaarii waan taateef guyyaan mana sanatti galee jalqabee waanan mana koo fi maatiikoo bira jiru natti fakkaata.

Madda suuraa, Aklile Mekuria
Magaalaa Siyeem Riip keessa kan jiran manneen sagadaa Angiikoor bakka daawwatootni daawwachuuf Kaamboodiyaa dhufan keessa isa guddaadha.
Namoonni baay'een gara magaalaa kanaa kan dhufan yoo ta'ellee, jiraattootaafis ta'e manneewwan sagadaa kanaaf ulfina akka isaan hin lanne baruun koo na gadisiisa.
Waa'ee biyyattiis ta'e waa'ee hawaasa achi jiraatanii baruuf daawwataa fedhii qabu hin argine. Namoonni naannoo kanaas baayee namoota ija-laafo waan ta'aaniif homa tokko hin haasa'ani.
Daawwatoonni dhufanis magaalattii faalanii deemuu. Rakkoon falama kanaa immoo jiraattota irratti dhufa. Utuun kana jijjiiru danda'ee natti tola.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni baay'een waa'ee Itoophiyaa fi Kaamboodiyaa ilaalcha dogoggoraa qabuu. Yeroo hundaa Itoophiyaa akka biyya beelaa fi hongee kan fudhatan yeroo ta'u Kaamboodiyaa immoo akka biyyaa waraanaatti fudhatu.
Ilaalchi akkanaa kun biyyoota kana irratti dhiibbaa yoo qabaatellee, seenaa fi hubannaa jiru kana geeddaruuf wayita isaan tattaafatan arguun guddaa na ajaa'ibsiisa.
Waa'ee biyya isaanii, aadaa isaanii fi seenaa isaanii keessatti tuqaa gurraacha kaa'ee isaa darbe waa'ee dhumiinsa sanyii sana mo'atanii akka darban agarsiisa.
Baqoojjii keessatti dargaggoota waliin yeroon hojjachaa ture ilaalcha dogoggoora jiru irra tarkaanfachuun jireenya isaanii mo'achuuf wayita isaan hojjetan arguun heddu na dinqisiisa ture.
Dargagootni as jiranis akkuma sana dheebuu of geeddaruu qabu.

Madda suuraa, Aklile Mekuria
Biyyi lamaanuu maqaa irra kaa'ame kana jijjiiruuf jaabaatanii wayita isaan hojjetan keessa taa'ee arguu danda'uu koof gammachuu guddaatu natti dhaga'ama.
Ergan biyya kana dhufee waanti natti ulfaate yoo jiraate baay'ina hojii qofa. Isas yoo ta'e itti baraa waanan dhufeef nan jaaladha. Kunis qorumsa jireenyaa fi guddina keessa darbuu maluudha jedhee of amansiiseera.
Amma otuu humni asii nabutee biyya koo nabuusu jiraate Finfinneetti kan argamu addabaabayii Masqalaa kessatti of arguun barbaada. Maaliif yoo nan jette bakka kana taa'ee wayita aduun lixxu, baburri darbu, namoonni asiif achi darban, namoonni tokko tokko ispoortii hojjetan daawwachuun waan natti toluufi.
Namoonni kaan guyyaa isaanii xumuruuf kaan immoo halkaan isaanii jalqabuuf gafa wal jala asiif achi darban ilaaluun na gamachiisa. addabaabayii masqalaa wayitan taa'ee daawwadhuu waan baayeen arga.












